Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii keessatti waraanni faashistii PP jiraataa onichaa tokko ajjeesuun bineensa nyaachisan


ONM-ABO Ebla 20, 2024

Oromiyaa bakka waraanni bilisummaa Oromoo argamu hundaatti namoonni maqaa hariiroo waliin qabduun ajjeefamaa jiraachuun kan himamu yoo ta’u, taateen tibba kana Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii keessatti ta’es ragaa hin haalamne ta’uun mul’ata.

Dargaggoo Lalisaa Waaqkennee jedhamu jiraataa aanaa Laaloo Assaabii ganda Keellayii kan ta’e waggoota dheeraaf dhukkuba sammuu akka dhukkubsataa ture jiraattonni dhimma isaa itti siqeenyaan beekan ONM’tti himan.

Dargaggeessi waraana maafi’aa PP’n ajjeefame kun, jireenya dhuunfaa isaa jiraachuu kan hin dandeenyee fi sammuun isaa dhukkubsataa ta’uus kan himan jiraattonni, shakkii oduu WBO’f guura jedhuun akka ajjeesanis dubbatu.

To’annaa qaama impaayerattii bulchu erga seenee kaasee maatiin isaas iyyaafachaa turuun akka dhaban himuun, guyyoota shan booda reeffi isaas bineensaan nyaatamee bakkeerraa arguu himaniiru.

Exit mobile version