Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Lixa Wallaggaa Aanaa Laaloo Assaabiitti waraanni abbaa irree Abiy Ahimed lammiilee nagaa irratti ajjeechaa raawwachuu hammeessan 

ONM-ABO Caamsaa 30, 2025 

Lixa Wallaggaa aanaa Laaloo Assaabii ganda Amuruu Abbaa Waaree jedhamu keessaa waraanni Bilxiginnaa Caamsaa 28, 2025 abbaa ilmaanii kan ta’e, nama maqaan isaa Obbo Daawwit Mulunaa jedhamu badii tokko malee rasaasa itti roobsuun ajjeesuu maddeen Arraata Biyyoolessa Oromiyaatti himanii jiru.

Akka maddeen himanitti, Obbo Daawwit siyaasa kam irraa walaba ta’uu himuun, tiksitoonni bututtuu impaayerattii ammoo maqaa “hidhata Waraana Bilisummaa Oromoo qabda” jedhuun ajjeechaa suukkanneessaa kana irratti raawwachuu dubbatu.

Faashistichi koloneel Abiy Ahimed egeree teessoo isaatiif abdii kutachuu irraa kan ka’e bu’aa siyaasaatiif jecha ilmaan Oromoo irratti duguuggaa sanyii geggeessee sodaachisuun aangoo irra ittiin bubbuluuf hojjechuu cimsee itti fufeera.

Exit mobile version