Gorsaan olaanaa preezdaantii Somaaliyaa biyyi isaanii naannoo Somaliland mootummaa ta’uuf beekamtii akka hin argannee fi naannoo addaan ba’e keessatti buufata waraana galaanaa akka hin ijaaramneef Itoophiyaa waliin waraana gaggeessuuf qophooftee akka jirtu dubbate jechuun The Guardian Sanbata kaleessaa gabaaseera.
Amajjii 1 Itoophiyaan buufata doonii qarqara galaanaa akka ijaarattu kan hayyamu Somaliland waliin waliigaltee mallatteessite.
Tarkaanfiin kun mootummaa Somaaliyaa kan Somaalilaandi qaama naannoo kooti jettu kan aarsee fi walii galteen kun akka hin hojjenne labseera.
Gorsaan kun akka jedhanitti: “Filannoo dippilomaasii hunda hordofaa jirra, Itoophiyaan gara sammuutti ni dhufti jedheen yaada, garuu Abiy (Ahimed, muummicha ministeera Itoophiyaa) waraana yoo barbaade waraanaaf qophiidha” jedhan.
Prezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad torban darbe waliigaltee kana balaaleffachuun Moqaadishootti hiriira gaggeeffamaa turetti “ittisa biyya keenyaaf akka qophaa’amu” jechuun akeekkachiisaniiru.
Walgahii Sadaasa keessa Sa’uudii Arabiyaatti taa’ame irratti, Abiy Ahimed haasawa dhuunfaa Mohamud waliin taasisaniin karaa Somaaliland galaana akka hin seenne haaluu isaanii gorsaan kun dubbachuun, walii galteen kun “Somaaliyaa ajaa’ibsiise” jedhan.
Somaaliland hanga bara 1960tti kolonii Ingilizii kan turte yoo ta’u, walabummaa guyyoota shanii booda kolonii Xaaliyaanii duraanii Somaaliyaa waliin tokko taate.
Somaaliland bara 1991 deebitee adda ba’uun har’a akka mootummaa walaba ta’eetti, sirna maallaqaa mataa ishee, paarlaamaa fi imbaasii biyya alaa qabaattee socho’aa jirti. Garuu hanga ammaatti biyya kamiinuu sirnaan beekamtii hin arganne.
Somaalilaand Somaaliyaa wajjin wal bira qabamtee yoo ilaalamtu tasgabbii fi badhaadhina kan qabdu ta’us, sababa sirna faayinaansii idil addunyaa kallattiin argachuu hin dandeenyeef invastimantii biyya alaa hawwachuuf rakkachaa jirti.
Walii galteen Itoophiyaa waliin taasifame kun kan duraan waliigaltichi daldala qulqulluu ta’uu cichanii dubbatan ta’us, mootummaan Somaalilaandi beekamtii akka argattuuf karaa saaquu ta’ee ilaalama.
Ministirri Dhimma Alaa Somaliland Essa Kayd akka jedhanitti: “Beekkamtiin waan yeroo kana hunda qabsaa’aa turre yoo ta’u, waan hunda caalaa barbaachisaa ummata Somaliland’f dhiyeessuu dandeenyuudha.
“Itoophiyaan qaqqabummaa galaanaa barbaaddi nutis beekamtii barbaanna, kanaaf fedhiiwwan kunneen akkamitti akka furamuu danda’an ilaaluu dandeessu.” Itiyoophiyaan garuu “Tattaaffii Somaaleelaandiin beekamtii argachuuf gootu ilaalchisee gara ejjennoo fudhachuutti madaallii gadi fageenyaa gochuu” qofa irratti walii galuu ishee ibsiteetti.
Dippilomaatiin biyyoota dhihaa tokko yaada gaazexaa The Guardian’f kenneen waliigaltee kana ”yaadannoo wal hubachuu dhabuu” jechuun ibsuun, ”Itoophiyaan Somaalilaandiif beekamtii kennuuf akka walii hin galle cimsitee dubbatti.”
Mootummaan Finfinnee galaanaa qaqqabuuf tarkaanfiin kan fudhate hidha haaromsa guddicha Itoophiyaa ijaaruun ishee Masrii fi Sudaan yeroo dallansiise gidduutti.
Mohaammud waliigaltee kana mormuuf deggarsa walitti qabuuf gara Masriitti imaluuf qophaa’aa jira. Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan bara 1977-78tti dachee walfalmisiisaa irratti lola biyyoota lamaan gidduutti dhalateen waggoota kurnaniif nagaan gidduu isaanii akka hin jiraanne taasiseera.
Bara 2006 Itoophiyaan hidhattoota Islaamummaa Moqaadishoo keessaa baasuuf Somaaliyaa weeraruun fincila Al-Shabaab fiduu Arab News gabaaseera.

