Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Somaaliyaan walii galtee buufata doonii Somaliland irratti mootummaa Itoophiyaa waliin maree taasifamu didde

ONM-ABO Amajjii 18, 2027

Somaaliyaan Kamisa har’aa akka jettetti, Finfinneen naannoo Somaalilaandi ofiin of bulchaa jirtu waliin waliigaltee falmisiisaa ta’e yoo haqxe malee waldhabdee Itoophiyaa waliin uumame keessatti gidduu seentummaaf bakki hin jiru jette.

Itoophiyaan lafaan marfamte kan ulaa galaanaa hin qabne Amajjii 1 Somaalilaandii waliin waliigaltee ulaa galaana akka seentu taasisu erga irra geessee booda waldhibdeen gaanfa Afrikaa hammaateera.

Ministeerri haajaa alaa biyyattii ibsa akkaawuntii miidiyaa hawaasaa isaa irratti maxxanseen, “Itoophiyaan waliigaltee seeraan alaa duubatti deebiftee, abbaa biyyummaa fi tokkummaa naannoo Somaaliyaa irra deebitee yoo mirkaneessite malee bakki mariif taa’amu hin jiru” jedheera.

Yaadni kun kan kenname erga qaamni waldhabdee hiikuu Gamtaa Afrikaa Roobii darbe rakkoo kana irratti mari’atee biyyoonni lamaan “dhimmicha karaa nagaa furmaata argachuuf of qabuu, hammachuu fi marii hiika qabu irratti akka bobba’an” gaafatee booda.

Gamtaan daldalaa biyyoota saddeet of keessaa qabu Abbaan Taayitaa Misooma Mootummoota Giddu-galeessaa (IGAD) waldhabdee Itoophiyaa fi Somaaliyaa, akkasumas walitti bu’iinsa Sudaan keessatti uumame irrattis Kamisa har’aa Yugaandaa keessatti yaa’ii addaa gaggeessaa jira. Biyyoonni arfanuu Sudaan Kibbaa, Jibuutii, Keeniyaa fi Eertiraan qaama gamtichaati.

Somaaliyaan abbaa biyyummaa fi tokkummaan naannoo ishee waliigaltee kanaan sarbamuu kan ibsite yoo ta’u, deeggarsa idil-addunyaa akka argatu iyyattee jirti. Somaalilaandii naannoo eegumsa Biriteen duraanii Galoo Galaana Aden kan bara 1991 ka’ee Somaaliyaa irraa walabummaa ishee labsite jirtu yoo taatu, tarkaanfiin kun hawaasa addunyaa biratti beekamtii hin arganne.

Waliigaltee Amajjii 1 kanaan Somaalilaandiin qarqara galaanaa ishee kiiloo meetira 20 (maayilii 12) waggoota 50f Itoophiyaaf kireessuuf kan walii galte yoo ta’u, Itoophiyaan qarqara galaanaa irratti buufata humna galaanaa fi buufata daldalaa dhaabuu barbaaddi.

Haa ta’u malee gochi Itoophiyaa kun biyya Soomaaliyaa akkasumas dhaabbilee akka Liigii Arabaa dabalatee qaamolee hedduun gochi Itoophiyaa sirrii akka hin taane ibsaa jiru.

Ethiopian gama isheetiin karaa dubbi himaa ministeera dhimma alaa ambaasaaddar Mallas Alamiin akka ibsitetti ibsi Liigii Arabaan ba’e fudhatama akka hin qabnee fi golgaa rakkoo Afrikaa Afrikaatu furata jechuun ministeera haaja alaa Masrii ceepha’uu odeessi Aljazeeraa fi miidiyaalee biroo irraa arganne ni addeessa.

Exit mobile version