Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa gandoota hedduu keessatti ajjeechaa fi hidhaan namoota nagaa irratti hammaachuu jiraattotni fi maddeen ONMtti himan

ONM- ABO Amajjii 15, 2024

Murni dhugaa sabaa awwaaluun teessuma aangoo isaanii qofaaf dhiphachuun namoota nagaa ajjeechaa fi hidhaa jumlaaf saaxilaa jiran PPn ilaalchi isaan ilmaan Oromoof qaban kan uummaticha rakkoo hamaaf isaan saaxilu, akkasuma namoota shakkan ammoo dhabamsiisuun yeroo ammaa Oromiyaa guutuu keessatti ajandaa godhachuun dheebuu aangoo isaanii ba’uuf hojjechaa jiraniidha.

Murni bilxiginnaa lola Waraana Bilisummaa Oromoo irraa isaan irratti adeemaa jiru jala dhaabbachuu dadhabuu irraan Kan ka’e aarii uummata nagaa irratti ba’uun ajjeechaa, fi hidhaa raawwachaa kan jiran yoo ta’u Arsii bahaa aanaa Heexosaa ganda Qonnaan bulaa Wal Argii keessatti guyyaa dheengaddaa jechuun Amajjii 13, 2024 dargaggoo maqaan isaa Abduramaan Nagaash jedhamu nama hojii humnaan jiraatu hidhattootni sirnichaa balleessaa tokko malee ajjeesuu maddeen himan.

Aanichuma ganda Dawwee keessatti maqaa Waraana Bilisummmaa Oromoo deggartu jedhuun namoota maqaan isaanii Abbishuu Qaasoo, Abdurkariim Baatii, Sayid Abdulqaadir, Saalii Hajjii fi Haajii Abbaas Hajjinafoo kanneen jedhaman hidhamanii hiraarfamaa jiraachuu dabaluun ibsan.

Ganda Haxxee Andoodee keessatti namoonni hidhamanii jiran lakkoofsaan hedduu ta’uu maddeen himuun, isaan keessaa kan maqaa arganne Kaliil Musxafaa, Abdallaa Bakaree, Jamaal Fayyoo fi Siraaj Kadiroo kanneen jedhaman mana murtiitti osoo hin dhihaatin waajjira poolisii aanichaatti gidiraa hamtuu keessummeessaa jiraachuu maddeen dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version