Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa keessatti hidhattootni sirnichaa daa’ima waggaa 10 ajjeesuun qabeenya namootaas saaman

ONM-ABO Amajjii 29, 2024

Sirni ilmaan Oromoo lafarraa balleessuuf karoorfatee hojjechaa jiru bilxiginnaan ol adeemtota dabalatee namoota nagaa guyyuu Oromiyaa bakkeewwan hedduutti ajjeechaa irratti raawwachaa jiru.

Sirni ol adeemtotaaf hin tolle kun guyyaa dheengaddaa Amajjii 26, 2024 godina Arsii bahaa aanaa Heexosaa ganda Arba Caffaa jedhamu keessatti hidhattootni maqaa nageenya hawaasaa eeguu jedhuun gandichatti bobbaafaman kunneen daa’ima hoomaa hin beekne kan ganna 10 maqaan isaa Riyaad Fayyoo jedhamu rasaasa itti roobsanii ajjeesuu jiraattotni ONMtti himan.

Akkasuma gandicha keessaa dunkaanota namootaa saamuu fi jiraattota irratti reebicha daangaa hin qabne raawwachuu bira darbee namoota nagaa jumlaan mana hidhaatti guuraa jiraachuus dabaluun ibsaniiru.

Exit mobile version