ONM- ABO Amajjii 3, 2024
Ilmi namaa lafa deemutti waggoottan jahan darbanii kaasee akka bineensaatti adamfamuun hidhattoota maqaa nageenya hawaasaa eeguu jedhuun bobbaafamaniin lubbuun namoota qulqulluu ajjeechaa jumlaa dabalatee raawwatamaa jira.
Tibba kana bifa haaraan godina Arsii bahaa keessatti ajjeechaan jumlaa jiraattota irratti raawwatamaa kan jiruu fi akkasuma manneen qonnaan bultoota hedduu gubachaa kan jiru yoo ta’u, gaafa Muddee 30, 2023 aanaa Heexosaa ganda Jaawwii keessatti nama nagaa jiruu idilee isaa geggeeffatu dargaggoo Amaan Dureessaa jedhamu gaaffii tokko malee hidhattootni murna faashistii PP rasaasa itti roobsun galafachuu jiraattotni himan.
Dargaggoon kun balleessaa qabatee osoo hin taane akkuma Oromoota kaanii Oromoo ta’uu isaa qofaaf akka ajjeefamees jiraattotni kun dabaluun ibsaniiru.

