Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa keessatti murni bilxiginnaa dargaggoo tokko manaa gadi baasuun rasaasa itti roobsuun madeessan


ONM-ABO Ebla 30, 2024

Uummata Oromoo lafa irraa balleessuuf qabsoo jabaatti kan jiran murni bilxiginnaa koree ajjeechaa gubbaa hanga gadiitti diriirfataniin uummanni Oromoo golee cufa keessatti akka baala bonaa harca’aa jira.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Ebla 28, 2024 godina Arsii Bahaa aanaa Heexosaa magaalaa Boruu keessatti hidhattootni ajjeechaaf bobbaafaman kunneen halkan dargaggoo maqaan isaa Gishaa Fayisaa jedhamu manaa gadi baasuun rasaasa lamaan rukutanii deemuu jiraattotni himan.

Dargaggoon kun erga rukutameen booda osoo lubbuun keessaa hin ba’in maatiin mana yaalaa dhaqqabsifachuun yeroo ammaa du’aa fi jireenya gidduutti akka argamus dabaluun ibsaniiru.

Uummanni Oromoo koree ajjeechaa qondaaltota olaanoo impaayerattiitiin hundeeffameen xinnaa kaasee hanga guddaatti duguugamaa jiraachuun kan beekamuudha.

Exit mobile version