ONM-ABO Amajjii 15, 2024
Murni bilxiginnaa hidhaa jumlaa namoota nagaa irratti raawwatu lola biyyattii keessatti adeemaa jiruuf furmaata ta’uutti fudhachuun, yeroo ammaa,hidhattootni koloneel Abiy Ahimediin hawaasa nagaatti bobbaafaman hidhaa fi saamicha bifa qindaa’aa ta’een uummaticha irratti raawwachaa jiraachuu maddeen tokko tokko dubbatu.
Haaluma kanaan kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee ganda, 04 keessaa gaafa Amajjii 12, 2024 waraanni faashistii PP namoota nagaa, hojii isaanii hojjechuu malee hirmaannaa siyaasaa keessaa qooda hin qabne, reebichaa, fi saachima, irratti raawwachuun hidhan, namoota hidhaman keessaa kan maqaan nu ga’e, Jamaal Gabsuu, Sa’id Abduu, Awwal Hasan, Bakruu Ahimed, kanneen jedhamaniidha isaanis badii qabaatanii otoo hin taane sobaan akka yakkamanii fi bakka hojii isaaniiti akka qabamantu dubbatama.
Oromootni Walloo yeroo hedduu duulli duguuggaa sanyii karaa, finxaaleeyyii Amaaraa Faannootiin, irratti kan banamu yoo ta’u, meeshaa, uummatichi ittiin of eeguuf dafqa isaanii itti lolaasuun bitatan murni faashistii PP, ammoo irraa guuruun uummatichi akka ittiin of hin eegne taasisaa jiru.
Namoota kanneenis qabeenya isaanii mana, keessaa tokko illee otoo hin dhiifne meeshaa, maallaqaa fi ,bilbiloota, harkaa dabalatee, jalaa saamuun akka deeman maddeen himuun, maatiin namoota kanneenis yeroo hammaa rakkoo hamtuu keessa jiraachuu fi ,egereen uummata Oromoo maraas haala kanaan itti fuufnaan, kan duraa caalaa yaaddessaadha jechuun maddeen magaalaa kamisee ONMtti himan,
Murni qabannaa hawaasaa hin beekne ppn uummataaf yaaduu irraa uummaticha dinagdee fi hawaasummaan cabsuuf hidhaa fi saamicha akkasumas qe’ee irraa buqqisuun gidiraa agarsiisuun isaa ammoo kufaatii isaa agarsiisa kan jedhan jiraattoota godina Wallooti.

