ONM-ABO Amajjii 6, 2025
Mahaammad-Nuur kan jedhamu abbaa qabeenyaa magaalaa Kamisee ganda 06 Migiraa yoo ta’u, Muddee 27, 2024 galgala halkan keessaa gara bariitti milishoonni sirnichaa fi raayyaa ittisa Impaayerattii jedhaman waliin ta’uun balbala dirqiin bansiisanii Televijiin isaa tokko caccabsanii tokko ammoo yoo saaman, dukkaana isaas caccabsuun meeshaalee dukkaanicha keessaa hedduu jalaa saamaniiru.
Oduuma saamichaan magaaluma Kamisee ganda 06 Migiraatti hidhattootni sirnichaa kun Amajjii 1, 2025 dukkaana Aliyyii Sheekichaa caccabsanii ol itti seenuun qarshii hedduu fi boba’aa jaarkaanii 3 jalaa saamuun isas garmalee reebanii gaaffii seeraa tokko malee hidhaatti darbataniiru.
Guyyaadhuma kana Amajjjii 1, 2025 magaalaa Kamisee irraa sa’atii walakkaa kan nama deemsiftu iddoo addaa Misrataa jedhamutti milishoonni murna PP kun namoota magaalaa Kamiseetti jimaa gurgurachuuf Boondaa 9-9 fi kurtuu 20 ol kan qarshii baay’eetti shallagamu ooyruu isaanii irraa muranii deemaa jiran qabanii garmalee reebuun jimaa jalaa saamanii abboota jimaa magaalaa Kamisee buufata waraanaatti yoo hidhan, jimaa saaman kanniin ammoo ooraalii 2’tti fe’achuun magaalaa Kamiseetti galfataniiru jedhu maddeen keenya magaalicha irraa ONM dubbise.

