Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Godina Walloo Magaalaa Kamisee keessatti hidhattoota sirnichaan manneen jiraattotaa diigamuun, qabeenyaanis yoo saamamu, dhiittaan mirgoota namoomaa rawwatamus jabaatee itti fufe

ONM-ABO Sadaasa 13, 2024 

Uummanni Oromoo baruma jireenya isaa guutuu akka bara bulchiinsa murna Bilxiginnaa keessa ta’ee kan hin beekne yoo ta’u, hawaasni nagaan Oromummaa isaa qofaaf yakkamuun jumlaan ukkaamfamee hidhamuu, ajjeefamuu, saamamuu, manneen jalaa gubachuun barbadaa’uu fi irratti diigamuun jiruu bakkeef saaxilamee qe’een saba guddaa beela’aa nyaachisee dheebotaa obaasuun beekamu uummanni Oromoo yeroo ammaa harka namaa akka ilaaluuf dirqameera.

Kaaba Oromiyaa godina Walloo magaalaa Kamisee keessatti waraanni weerartuun PP fi milishoonni sirnichaa waliin ta’uun Sadaasa 10, 2024 ganama magaalaa Kamisee ganda 03’tti bobba’uun namoota nagaa irratti reebicha hamaa yoo raawwatan, manneen namoota hedduu kan Sheek Huseen, Obbo Usmaan fi kanneen biroo manneen baay’inaan 5 ta’an jaarrolii fi daa’imman harka qabanii keessaa baasuun diiganii qabeenyaa isaaniis saamuun deemaniiru jedhu maddeen keenya magaalichaa nuuf eeran. 

Akka jiraattota magaalaa Kamisee Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise jedhanitti, namoonni hidhattoota Koloneel Abiy Ahimediin manneen isaanii jalaa diigame kunneen maanguddoota ta’uu dubbachuun fi siyaasa keessaa quba kan qabne ta’uu himuun, goolessitootni murna Bilxiginnaa kun Oromummaa isaanii qofaan yakkuun gocha badii kana irratti raawwatanii maatii bakkeetti facaasuun jiruu godaansaaf saaxiluu fi harka namaa akka ilaalaniif dirqamsiisaniiru jechuun dabaluun miira aariin ibsaniiru.

Magaalichuma keessatti Sadaasa 10, 2024 milishaan PP tokko dargaggoo maqaan isaa Nuuruu Ahimed Nuuruu jedhamu jiraataa ganda Matohoroo kan ta’e rifeensa dheeressaa jirta ittiin jechuun reebicha ulfaataa gabaa walakkaa ciibsanii irraan ga’uun boodarra ammoo qarshii harkaa fudhachuun gadi lakkisuun ibsameera.

Exit mobile version