Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

US Huutii waliin ‘waraanni hin jiru’ jechuun Baayiden haleellaa taasisan akka hin dhaabne dubbate

ONM-ABO Amajjii 19, 2024

Pirezidaantiin Yunaayitid Isteets Joo Baayiden tarkaanfiin waraanaa garee finciltoota kana irratti fudhatame haleellaa doonii daldalaa irratti raawwatamu dhaabuu akka hin dandeenye amananis garee finciltoota Huutii Yaman irratti haleellaa itti fufuuf waadaa galaniiru.

Baayiden kana kan dubbatan Kamisa kaleessaa erga Ameerikaan naannoo Yaman Huutiin to’atame irratti haleellaa marsaa shanaffaa irratti gaggeessitee booda.

Ajajni Giddugaleessaa Ameerikaa (CENTCOM) ibsa baaseen, misaa’ela farra doonii lama “doonii daldalaa fi dooniiwwan humna galaanaa Ameerikaa naannicha keessa jiraniif balaa dhiyoo ta’uu” erga murteessee booda barbadeessuu isaa ibseera.

Haleellaan garee finciltootaa kana irratti raawwatamu hojjechaa jiraachuu isaa rippoortarootaan gaafatamanii, Baayiden haleellaa doonii idil-addunyaa Galaana Diimaa keessatti raawwatamu akka hin dhaabne beeksisaniiru.

Dubbi himtuun Peentaagoon Sabrina Singh ibsa booda kennaniin akka jedhanitti, Huutiin haleellaa kana dhaabuuf murtee kennuu qabu.

“Huutiin battalumatti ni dhaabbata jennee hin beeknu,” kan jedhan Singh, haleellaa kana dhaabuun garee kanaaf “faayidaa gaarii” ta’uu ibsaniiru.

“Kamisa irraa eegalee dandeettii isaanii baay’ee gadi buusuu fi akka malee jeequu fi balleessuu akka dandeenyu argitanittu. Haleellaa kana dhaabuun dhuguma isaan irra jira. Kunis isaan doonii daldalaa, doonii qulqulluu Galaana Diimaa keessa darbaa jiran addaan kutuu yoo dhaaban qofa.

“Nuti waraana keessa jirra jennee hin yaadnu. Waraana naannoo arguu hin barbaannu,” jedhan Siing.

Huutii Iraaniin deeggaramuun dooniiwwan fe’umsaa Galaana Diimaa kan daldala addunyaatiif karaa guddaa ta’e irratti irra deddeebiin haleellaa raawwachuun Falasxiinota Israa’el Gaazaa keessatti boombii rukutaa jirtuuf deeggarsa agarsiisaniiru.

Erga baatii Adoolessaa keessa doonii Israa’el waliin hidhata qabdu Galaxy Leader jedhamtu qabatanii as dooniiwwan kudhan lamaa ol garee kanaan haleelamaniiru.

Haleellaan kun dhaabbileen doonii gurguddoon addunyaa tokko tokko doonii isaanii naannoo fiixee kibba Afrikaatti akka qajeelchan kan dirqisiise yoo ta’u, daldala addunyaa haalaan jeeqeera.

US fi michoonni ishee ji’a darbe humna biyyoota hedduu Operation Prosperity Guardian jedhamu kan dooniiwwan daldalaa haleellaa diroonii fi misaa’elaa daandii bishaanii keessatti raawwatamu irraa eeguuf jalqabanii turuu Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version