ONM-ABO Adoolessa 22, 2025
Waraanni Israa’el haleellaa yeroo dhiyootti hidhattoota Iraaniin deggaraman irratti raawwateen Wiixata kaleessaa buufata doonii Yaman Hodeedaa bakka Huutiin itti fayyadamu haleeluu yoo himu, kunis sababa dooniiwwan gara Israa’elitti imalan misaa’ela irratti dhukaasuun rukutaa turaniif akka ta’e ibsameera.
Ministirri Ittisaa Israa’el Israa’el Kaatz akka jedhanitti, waraanni kun “bu’uuraalee shororkeessummaa kanaan dura haleelaman deebisuuf yaaliin godhamu kamiyyuu tarkaanfii irratti fudhachaa jirra.”
TVn Al Masiraa kan Huusiitiin geggeeffamu Wiixta kaleessaa akka jedhetti, haleellaan walduraa duubaan buufata doonii kana irratti raawwatamuu osoo bal’inaan hin ibsine hime.
Ibsa waraanni Israa’el kenneen buufanni doonii inni haleele “wantoota biroo keessaa, meeshaa waraanaa sirna Iraan irraa dabarsuudhaaf itti fayyadamaa ture, sana booda Huutiin haleellaa shororkeessummaa Mootummaa Israa’elii fi michoota ishee irratti raawwachuuf itti fayyadama” jedheera.
Qondaalli nageenyaa Huutii waliin jiru tokko AFP’tti akka himanitti, haleellaan Israa’el buufata doonii haleellaa kanaan dura raawwatameen erga miidhame booda deebi’ee ijaarame barbadeesse.
Erga waraanni Israa’el Gaazaa keessatti garee hidhattoota Falasxiin Hamas irratti Israa’ei Onkoloolessa bara 2023 geggeessuu eegaltee as, Huutiin Iraan waliin hidhata qaban gocha gamtaa Falasxiinota waliin agarsiisna jechuun dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran haleelaa turan jechuun miidiyeen gabaasaniiru.
