Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dirooniin finciltoonni Huutii Yamanitti shakkaman dooniiwwan dabalataa 2 Baha Giddugaleessaa keessatti haleele

ONM-ABO Guraandhala 7, 2024

Doonii lama bishaan Baha Giddu Galeessaa keessa imalaa turan Kibxata kaleessaa ganama diroonii finciltoota Yaman Huutii jedhamaniin haleelamuu isaanii qondaaltonni himaniiru.
Kunis haleellaan yeroo dhiyoo duula loltoota Iraaniin deggaramuun waraana Israa’el Hamas naannoo Gaazaatti raawwatte mormuuf taasifamee dha.

Haleellaan jalqabaa kutaa kibba Galaana Diimaa, buufata doonii Yaman Hodeida irraa gara dhihaatti kan raawwatame yoo ta’u, haleellaan kun foddaa doonii riqicha kanarra jiru irratti “miidhaa xiqqoo” geessiseera jedha Waraanni Biriteen kan Yunaayitid Kingidam ‘Maritime Trade Operations.’ Haleellaa kanaan dura dooniin xiqqaan tokko doonii sanatti dhihoo akka turte dabalee ibseera.

Dhaabbanni nageenyaa dhuunfaa Ambrey dooniin alaabaa Baarbaadoos qabdu, doonii fe’umsaa kan Yunaayitid Kingidam ta’uu adda baaseera. Doonii kana keessa namni tokkollee kan hin miidhamne yoo ta’u, dooniin kana irra ”miidhaa xiqqaan” ga’eera jedha dhaabbatichi.

Dooniin lammaffaan Kibxata kaleessaa magaalaa buufata doonii kibba Yaman Aden irraa haleellaan irra ga’uu UKMTOn gabaaseera. Ambrey doonii alaabaa Odoola Maarshaal qabdu, kan Giriikii ta’ee fi U.S. irraa gara Hindiitti qajeelu ta’uu adda baaseera.

Dubbi himaan waraanaa finciltoota Huutii Iraaniin deggaraman Birgaader Jeneraal Yahya Saree, ibsa kennaniin, humnoonni finciltootaa doonii adda addaa lama, tokko Ameerikaa fi tokko Biriteen, Galaana Diimaa keessatti haleeluu isaanii himaniiru. Garuu ragaa himannaa kana deggaru tokkollee hin dhiheessine.

Sadaasa irraa eegalee finciltoonni kun haleellaa Israa’el Gaazaa keessatti Hamas irratti raawwatte irratti irra deddeebiin dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran irratti xiyyeeffataniiru. Garuu yeroo baayyee dooniiwwan Israa’el waliin hidhata ifa ta’e qaban ykn hin qabne irratti xiyyeeffachuun, daldala Eeshiyaa, Baha Giddugaleessaa fi Awurooppaa gidduutti karaa ijoo ta’e irratti dooniiwwan balaadhaaf saaxilan.

Torban darban keessa Ameerikaa fi Yunaayitid Kingidam michoota birootiin deggaramuun haleellaa xiyyaaraa meeshaa waraanaa misaa’ela Huutii fi bakka haleellaa ishee furguggiftu irratti xiyyeeffate jalqabaniiru.

U.S fi Biriteen Sanbata darbe Yaman keessatti bakkoota Huutii 36 rukutaniiru. Haleellaan qilleensaa Jimaata darbe Iraaq fi Siiriyaa keessatti raawwatame milishoota Iraan deggaraman biroo fi Eegdota Warraaqsa Iraan irratti xiyyeeffachuun raawwataniin haleellaa dirooniin loltoota U.S. sadii Joordaan keessatti ajjeeseef haaloo ba’aniiru..

Ajajni Giddugaleessaa waraana U.S. haleellaa Wiixata dheengaddaa Huutii irratti raawwatame addatti beekamtii kennaniiru.

Haleellaa kanaanis, bidiruu diroonii Huutii fe’e lama rukutaniiru.
“Gochoonni kun bilisummaa doonii eeguu fi bishaan idil-addunyaa dooniiwwan humna galaanaa U.S. fi dooniiwwan daldalaatiif nageenyaa fi eegumsa akka qabaatan ni taasisa” jechuun ibsuu isaanii Associated Press gabaasee jira.

Exit mobile version