Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Walii galteen dhukaasa dhaabuu US fi Huutii giddduutti raawwate Israa’el hin dabalatu jedhan dubbi himaan Huutii

ONM-ABO Caamsaa 8, 2025 

Walii galteen dhukaasa dhaabuu Huutii Yaman fi Ameerikaa gidduutti taasifame Israa’eliin haleeluu dhiisuu hin dabalatu jechuun gareen kun haleellaan doonii daldala addunyaa jeeqe guutummaatti akka hin dhaabne yaada dhiyeesseera.

Pirezidaanti Doonaald Traamp Kibxata dheengaddaa Ameerikaan Huutii Iraan waliin dhaabbatte Yaman keessatti boombii dhoosuu akka dhaabdu kan beeksisan yoo ta’u, gareen Iraan waliin tumsa qabu kun daandii doonii barbaachisoo Baha Giddu Galeessaa addaan kutuu dhaabuuf walii galuu isaanii ibsaniiru.

Tiraamp erga beeksisanii booda, Omaan waliigaltee dhukaasa dhaabuu doonii Ameerikaa irratti haleellaa Huutiin taasisu dhaabuuf mariisisaa turuu ibsiteetti.

Ji’a Amajjii irraa eegalee naannoo galaana diimaa keessatti haleellaan Huutii irraaa raawwatame hin jiru.

“Waliigalteen kun karaa kamiinuu, boca ykn bifa kamiinuu hin hammatu,” jechuun Mohaammad Abdulsalam, mari’atan olaanaa Huutii Rooyitarsiif himaniiru.

Exit mobile version