Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Hoogganaan Amantii Iraan Kaameniin haleellaan Ameerikaan Huutii irratti raawwattu ‘yakka dhaabbachuu qabudha’ jedhan

ONM-ABO Bitootessa 21, 2025 

Hogganaan olaanaa Iraan Alii Kaameniin Kamisa kaleessaa akka jedhanitti, haleellaan Ameerikaan dhiheenya kana milishaa Huutii Teeyiraaniin deggaramanii Yaman keessatti raawwatte “yakka dhaabbachuu qabu” ta’uu ibsaniiru.

“Haleellaan ummata Yaman irratti, lammiilee nagaa Yaman irratti raawwatame kun yakka dhaabbachuu qabuudha,” jedhan Kaameniin akka viidiyoon marsariitii isaanii irratti maxxanfametti.

Duula waraanaa Ameerikaan isaan irratti geggeessaa jirtu gidduutti Roobii darbe prezidaantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp Huutiin “guutumaan guututti ni balleeffama” jechuun Iraan gargaarsa isheen milishaa kanaaf gochaa jirtu  akeekkachiisaniiru.   

Huutiin erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa 7, 2023 jalqabee fi hanga dhukaasa dhaabuu baatii Amajjiitti dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran irratti xiyyeeffatanii Falasxiinota waliin tumsa akka qaban agarsiisaa turaniiru.   

Garuu torban darbe uggura gargaarsaa Israa’el naannoo Falasxiin irratti raawwatte irratti haleellaa doonii Israa’el irratti raawwachuu akka haaromsan doorsisaniiru. Sababa kanaanis erga Tiraamp baatii Amajjii keessa aangoo qabatanii as haleellaa Ameerikaan Yaman irratti raawwatte isa jalqabaa ta’eera.

Waashingitan haleellaa waraanaa haaraa kana Sanbata darbe kan jalqabde yoo ta’u, hanga milishaan kun daandii doonii ijoo Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Aden irratti dhukaasa dhaabutti humna guddaan tarkaanfii irratti akka fudhattu waadaa galteetti jechuun AFPn gabaaseera.

Exit mobile version