ONM-ABO Amajjii 13, 2024
Iraan haleellaa Ameerikaa fi Ingilizii Yaman keessatti Huutii irratti raawwatan balaaleffachuun, naannicha keessatti ”nageenya fi tasgabbii dhabuun” dabalu danda’u jechuun akeekkachisuu miidiyaaleen mootummaa Iraan gabaasan.
Dubbi himaan ministeera haajaa alaa Iraan Naasiir Kanaanii, ”haleellaa waraanaa ganama kaleessaa Ameerikaa fi Yunaayitid Kingidam magaalota Yaman hedduu irratti raawwatan cimsinee balaaleffanna” jedhan.
Itti dabaluudhaanis, “Haleellaan kun abbaa biyyummaa fi naannoo guutuu ta’u Yaman ifatti cabsuu, akkasumas seera idil-addunyaa cabsuu dha,” jedhan.
Ministirri Dhimma Alaa Iraan Huseen Amirabdollahian tarkaanfii Huutii Iraan waliin hidhata qaban jedhaman doonii Israa’el waliin hidhata qaban irratti fudhatan galateeffachuun sochiin kun nageenya galaanaa kan eegu ta’uu ibsaniiru. Ameerikaan deeggarsa hunda Israa’eliif gootu akka dhaabdu dhaamaniiru.
“Tarkaanfiin Yaman duguuggaa sanyii Israa’el geggeessaa jirtu fuuldura dhaabbachuun kan dinqisiifamuudha. Sana’aan nageenya galaanaa cimsitee hordofti,” jechuun Amirabdollahian waltajjii X irratti barreesseera.
Itti dabaluudhaanis, “Waayit Haawus Yaman irratti duuluu mannaa, Tel Aviv waliin tumsa waraanaa fi nageenyaa hunda galeessa ta’e dhaabuun uummata Gaazaa fi Weest Baankii irratti halleellaan raawwatamu hatattamaan akka dhaabbatu gochuun, nageenya guutuu naannichaa deebisuuf hojjechuu qabdi jechuun dabalaniiru.
Haleella kanaaf deebii kennuuf Huutiin gaafatus, akka xiinxaltoonni Jimaata kaleessaa dubbatanitti lolli kun sababa Iraan wal dhabdee kanatti guutuutti seenuu hin barbaanneef lolichi babal’achuu akka hin dandeenye akeekaniiru.
Barreessaan Mootummoota Gamtoomanii karaa dubbi himaa isaanii Isteefan Dujaariik qaamotni hundii wal dhabdee Galaanaa Diimaa kana fedhii tasgabbii fi nageenya naannoo bal’aa kanaaf jecha dubbii babal’isuu irraa akka ofi qusatan Jimaata kaleessaa gaafachuu miidiyaan teessoo isaa Awustiraaliyaa godhate Special Broadcasting Service News ganama har’aa gabaaseera.

