ONM-ABO Bitootessa 12, 2025
Huutii Yaman Kibxata kaleessaa dooniiwwan Israa’el galaana Diimaa fi Arabaa, Bab al-Mandab fi Galoo Galaana Aden keessa darban irratti haleellaa akka jalqaban kan ibsan yoo ta’u, kunis waliigaltee dhukaasa dhaabuu Hamaas fi Israa’el gidduutti taasifameen tureen erga dhaabbatee bifa haaraan kan eegaluudha.
Huutiin Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee haleellaa 100 ol doonii irratti xiyyeeffachuun kan jalqaban yoo ta’u, lola Israa’el Gaazaa keessatti Hamaas waliin taasifte irratti Falasxiinota waliin tumsa agarsiisuuf akka geggeessan himaniiru.
Yeroo sanatti gareen kun doonii lama liqimsisee, kan biraa qabachuun yoo xiqqaate namoota galaanarra deeman afur ajjeesee, sochii doonii addunyaa jeequun dhaabbileen gara imala dheeraa fi qaala’aa naannoo kibba Afrikaatti irra deebi’anii akka deeman dirqisiiseera.
Hogganaan Huutii Yaman Jimaata darbe gareen kun Israa’el guyyoota afur keessatti uggura gargaarsa gara Gaazaatti geessu yoo hin kaafne tarkaanfii humna galaanaa Israa’el irratti raawwatu akka deebisu akeekkachiise turuu Rooyitars gabaaseera.

