Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Sochiin doonii Israa’el Galaana Diimaa keessatti akka dhaabbate Huutiin Yaman himan

ONM- ABO Guraandhala 9, 2024

Haleellaan Huutii sochii doonii Israa’el Galaana Diimaa keessatti dhaabuu isaa hogganaan garee Huutii Yaman Kamisa kaleessaa ibsaniiru.

”Doonii Israa’el guutummaatti Bab al-Mandab fi Galaana Diimaa keessatti dhaabbataniiru. Kun bu’aa fi injifannoo dhugaadha,” jechuun Abdulmalik al-Huthi haasawa televijiiniin taasisaniin dubbataniiru.

“Diinni Israa’el meeshaa isaa baachuuf dooniiwwan chaartara irratti hirkatte fayyadamus garuu haleellaan dooniiwwan kanneen irratti raawwatame haala jiru Tel Aviv’f rakkisaa taasiseera.

Hogganaan Huutii kun haleellaan gareen isaanii dooniiwwan Galaana Diimaa keessa jiran irratti raawwate Israa’el irratti “kasaaraa guddaa” geessiseera jedhan.

Akkasumas gareen isaanii torban kana keessa kibba Israa’el keessatti Eilat haleeluun buufata galaanaa ishee irratti hojiiwwan jeequu isaanii dubbataniiru.

Himata Huutii kana irratti Israa’el irraa yaadni hin kennamne.

Huutiin dooniiwwan fe’umsaa Galaana Diimaa keessa jiran kanneen dhaabbilee Israa’el waliin hidhata qaban ykn socho’an ykn meeshaalee gara Israa’elitti geejjibanii fi Israa’el irraa geejjibsiisan irratti xiyyeeffachuun haleellaa naannoo Gaazaatti Onkoloolessa 7 irraa eegalee Israa’el gochaa jirtu mormuun uummata Falasxiin waliin tumsa taasisaa turan.

Sababa haleellaa qilleensaa waloo Ameerikaa fi UK’n Yaman keessatti bakka Huutii irratti raawwataniin waldhabdeen hammaataa dhufuun gareen kun dooniiwwan Ameerikaa fi Ingilizii hunda akka galma waraanaa seera qabeessaatti akka ilaalu labseera.

Kun kanaan osoo jiru guyyaa kaleessaa Magaalaa guddoo Iraaq Bagdaad irraa gara bahaatti naannoo Al Mashtal jedhamutti haleellaa xiyyaaraa konkolaataa irratti xiyyeeffateen namoonni 3 ajjeefamaniiru.

Oduma Eeshiyaa keessaatiin filannoo guyyaa kaleessaa Paakistaan keessatti geggeeffame irratti gochootni shororkeessummaa 51 raawwachuun namoota 15 shororkeessitoota 5 dabalatee ajjeeffamuu Dhaabbanni Oduu Anaadooluu gabaaseera.

Exit mobile version