ONM-ABO Caamsaa 6, 2025
Haleellaa Israa’el ja’a buufata doonii Yaman Hodeeyidaa irratti raawwachuu isaa, TVn Al-Masiraa Huutii waliin hidhata qabu Wiixata kaleessaa gabaaseera. Huutiin Iraaniin dggaramu misaa’ela naannoo buufata xiyyaaraa guddaa Israa’el rukute dhukaasee guyyaa tokko booda haleellaa Israa’elii fi Ameerikaan irratti raawwatame komate.
Israa’el ykn US irraa yaadni battalaa hin kennamne. Gabaasaan Aksiyoos Baaraak Raaviid qondaala olaanaa Ameerikaa tokko kaasuun, Israa’el Waashingitan waliin qindoominaan Yaman haleelteetti jedhan.
Channel 12 dabalatee miidiyaaleen Israa’el qondaala olaanaa Israa’el kan Israa’el Yaman haleeluu mirkaneessan jedhan caqasaniiru.
Ministirri Muummee Israa’el Benjamin Netanyahu Dilbata darbe haleellaa Huutii, haaloo ba’uuf dhaadataniiru.
Haleellaan Yaman irra caalaan isaa sirna ittisa misaa’elaa Israa’eliin kan addaan cite yoo ta’u, bara darbe haleellaan diroonii Tel Aviv rukuteera jechuun Rooyiters gabaaseera.

