• Tue. Jan 13th, 2026

Haleellaa Xiyyaaraa buufata doonii Yaman Hodeeyidaa irratti xiyyeeffateen Huutiin, Israa’el komachaa miidiyaan Huutiitti dhiyeenya qabu ibse

May 6, 2025

ONM-ABO Caamsaa 6, 2025 

Haleellaa Israa’el ja’a buufata doonii Yaman Hodeeyidaa irratti raawwachuu isaa, TVn Al-Masiraa  Huutii waliin hidhata qabu Wiixata kaleessaa gabaaseera. Huutiin Iraaniin dggaramu misaa’ela naannoo buufata xiyyaaraa guddaa Israa’el rukute dhukaasee guyyaa tokko booda haleellaa Israa’elii fi Ameerikaan irratti raawwatame komate.

Israa’el ykn US irraa yaadni battalaa hin kennamne. Gabaasaan Aksiyoos Baaraak Raaviid qondaala olaanaa Ameerikaa tokko kaasuun, Israa’el Waashingitan waliin qindoominaan Yaman haleelteetti jedhan.

Channel 12 dabalatee miidiyaaleen Israa’el qondaala olaanaa Israa’el kan Israa’el Yaman haleeluu mirkaneessan jedhan caqasaniiru.

Ministirri Muummee Israa’el Benjamin Netanyahu Dilbata darbe haleellaa Huutii, haaloo ba’uuf dhaadataniiru.

Haleellaan Yaman irra caalaan isaa sirna ittisa misaa’elaa Israa’eliin kan addaan cite yoo ta’u, bara darbe haleellaan diroonii Tel Aviv rukuteera jechuun Rooyiters gabaaseera.

Leave a Reply

Discover more from Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Subscribe now to keep reading and get access to the full archive.

Continue reading