ONM-ABO Hagayya 5, 2025
Misaayilli Yaman irraa gara Israa’elitti Kibxata har’a furgiggifame erga saayireniin haleellaa qilleensaa kutaalee biyyattii keessatti dhaga’amee booda akka addaan cite waraanni Israa’el beeksiseera.
“Saayirenii yeroo gabaabaa dura naannoolee hedduu Israa’el keessatti dhaga’ame hordofuun, misaa’elli Yaman irraa furguggifame IAF’n to’atame,” jechuun waraanni kun waltajjii miidiyaa hawaasaa X irratti maxxanseera.
Milishaan Huutii magaalaa guddoo Yaman Sanaa fi kutaalee biyyattii bal’aa to’atu qaama gamtaa Israa’eliin loluu irratti Iraaniin deggaramaniidha. Gamtaan sun gareewwan akka Hizboollaa Libaanos fi Hamas Gaazaa keessattis ni dabalata.
Erga waraanni Gaazaatti Onkoloolessa 7, 2023 jalqabee as, Huutiin irra deddeebiin misaa’ela Israa’el irratti dhukaasaa kan turan yoo ta’u, irra caalaan isaanii addaan citaniiru. Kana malees Huutiin dooniiwwan Israa’el waliin hidhata qaba jedhan irratti xiyyeeffachuun, Falasxiinota waliin gamtaadhaan socho’aa jirra jedhan.
Deebii kanaaf Israa’el buufata doonii dhiha Yaman fi buufata xiyyaaraa Sanaa dabalatee bu’uuraalee misoomaa Huutiin to’ataman irratti haleellaa qilleensaa dachaa raawwattee turte jechuun AFPn gabaaseera.

