Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Israa’el misaa’ela Yaman irraa dhukaafame addaan kutu yoo dubbatu, Huutiin Yaman Misaa’ela kana furguggisu dubbate

ONM-ABO Bitootessa 31, 2025 

Waraanni Israa’el misaa’ela Dilbata kaleessaa Yaman irraa dhukaafame erga saayirenii sakatta’iinsa qilleensaa naannoo biyyattii hedduu keessatti sagalee dhageessisee booda addaan kutu ibse.

“Saayirenii yeroo gabaabaa dura Israa’el keessatti naannoo hedduutti dhaga’ame hordofuun, misaa’ela Yaman irraa furguggifame tokko gara naannoo Israa’elitti osoo hin qaxxaamurin IAF (Air Force)n addaan cite,” jechuun waraanni kun ibseera.

Huutiin Yaman gama isaaniin ibsa kennaniin buufata xiyyaaraa Israa’el Been Gooriyoon naannoo Tel Avivtti argamutti  misaa’ela dhukaasuun isaanii himan.

Dubbi himaan waraanaa garee Iraaniin deggaramu haleellaa kana keessatti “Misilii Baalistikii Zolfagaar” kan Iraan keessatti hojjetame fayyadamuu himan.

Huutiin erga waraanni Gaazaa Onkoloolessa 7, 2023 ka’ee as yeroo hunda Israa’el irratti dhukaasaa jiru.

Erga waraanni Gaazaa jalqabee dooniiwwan Galaana Diimaa fi Galoo Galaana Adeen irratti xiyyeeffachuun, uummata Falasxiin waliin jiraachuu ibsaa jiru jechuun Al Arabiyaan gabaaseera.

Exit mobile version