ONM-ABO Amajjii 20, 2024
Pirezidaantiin Naamibiyaa Hage Geingob qorannoo fayyaa idilee erga taasisee booda ” seelonni kaansarii ” waan keessatti argamaniif wal’aansa kaansarii akka jalqaban waajjirri isaanii beeksiseera.
Masaraan Pirezidaantii Naamibiyaa Jimaata kaleessaa ibsa kenneen, “akka qaama qorannoo fayyaa waggaa idileetti” hogganaan ganna 82 kun Amajjii 8 qorannoo kolonoskoopii fi gastroskoopii, itti aansuunis baayoopsii akka godhameef ibseera. ”Bu’aan qorannoo kanaa seelii kaansarii mul’ise,” jedha ibsichi.
“Gorsa garee yaalaatiin Pirezidaanti Geingob seelii kaansarii kana irraa dandamachuuf wal’aansa fayyaa barbaachisaa ta’e ni fudhatu,” jechuun dabalee ibseera.
Waajjirri Geingob waa’ee qorannoo isaa bal’inaan kan hin kennine yoo ta’u, pirezidaantichi hojii isaa akka itti fufu ibseera. “Filannoon Pirezidaantummaa fi Mana Maree Biyyaalessaa dhuma bara 2024tti sagantaa qabamee waan jiruuf, masaraan isaanii Pirezidaanti Geingob hojii pirezidaantummaa fi Kaabinee, kan inni dura taa’aa ta’e akka itti fufan, uummata Naamibiyaa beeksisuu barbaadna,” jedha ibsichi .
Pirezidaantichi osoo aangoo hin qabatin durallee sodaa fayyaa qaba ture.
Bara 2013 Geingob sammuu baqaqsanii hodhuun taasifameefii ture. Waggaa tokko booda kaansarii piroostaatii irraa hafuu isaa ummatatti hime.
Pirezidaantiin kun bara 2014 filatamuun aangoo irra jira. Naamibiyaan baatii Sadaasaa keessa filannoo hogganaa haaraa filachuuf ni gaggeessiti.
Geingob irra deebiin filatamuuf dorgommii keessa hin seenu.
Bara darbe paartiin biyya bulchu, Dhaabbanni Uummata Afrikaa Kibba Lixaa (SWAPO) Netumbo Nandi-Ndaitwah filannoo kanaaf kaadhimamaa isaa godhee moggaase. Itti aantuu pirezidaantii paartichaa fi yeroo ammaa itti aantuu muummicha ministeeraa Naamibiyaati jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

