ONM-ABO Guraandhala 4, 2024
Pireezidaantiin Naamibiyaa Hage Geingob waggaa 82tti du’uu isaanii waajjirri isaanii beeksise. Du’uun isaanii kunis dhukkuba kaansariitiin wal’aansa akka fudhatan erga labsamee ji’a tokko osoo hin guutini.
Geingob Dilbata har’aa hospitaala Lady Pohamba magaalaa guddoo Windhoek keessatti haadha warraa isaa fi ijoolleen isaa bakka cinaa isaa turanitti du’uu isaanii ibsa itti aanaan pirezidaantii Naamibiyaa Nangolo Mbumba ibsa fuula Facebook Geingob irratti maxxanseen beeksiseera.

