Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa misaa’elaa buufata xiyyaaraa Al Asaad Iraaq irratti raawwatameen hojjettoonni Ameerikaa madaa’an

Haleellaa misaa’elaa buufata xiyyaaraa Lixa Iraaq irratti raawwatameen, hojjettoonni waraanaa Ameerikaa hedduun madaa’aniiru.

Ajajni Giddugaleessaa waraana Ameerikaa akka jedhetti, milishaan Iraaniin deeggaramu, Sanbata duraa galgala buufata xiyyaaraa Al Asad kan loltoota Ameerikaa keessummeessuu, misaa’ela balistikii fi rookkeettiidhaan haleeluu ibse.

Hojjettoonni Ameerikaa lakkoofsi isaanii hin ibsamne ”miidhaa sammuu nama gaddisiisu irratti raawwateera”.

Haleellaa kanaan yoo xiqqaate miseensi tajaajilaa Iraaq tokko madaa’eera.
Haleellan buufata kana irratti raawwatame garee Diddaa Islaamaa Iraaq jedhee keessatti of waamutu himate. Akka Dhaabbanni Imaammata Baha Dhihoo Waashingitan Ameerikaatti argamu jedhutti gareen kun dhuma bara 2023 kan uumame yoo ta’u, gareewwan hidhattoota Iraan waliin hidhata qaban hedduu kan Iraaq keessatti socho’an of keessaa qaba.

Torbeewwan darban keessa haleellaa biroo humnoota Ameerikaa irratti raawwate jetteetti. Akkasumas buufanni Al Asad waggoota dhiyoo asitti irra deddeebiin haleelamaa tureera.

Waraanni Ameerikaa misaa’eloonni Sanbata kaleessaa dhukaafaman irra caalaan isaanii addaan cituus gariin ittisa qilleensaa jalaa miliquun buufata kana rukutuu ibsuun, miidhaan qaqqabe itti fufee jiraachuu ibseera.

Erga Onkoloolessa darbe waldhabdeen Israa’el fi Gaazaa ka’ee as haleellaa bakka bu’oota Iraan naannichatti Iraaq fi Siiriyaa keessatti argaman irratti raawwatame keessaa isa boodaan ti.
Waraanni Ameerikaa fi michoonni Ameerikaa haleellaa misaa’elaa Huutii doonii idil-addunyaa Galaana Diimaa irratti raawwatamu dhaabuufis gidduu seenaniiru.

Humnoonni Ameerikaa Sanbata kaleessaa haleellaa qilleensaa biraa Huutii irratti kan raawwatan yoo ta’u, gareen kun finciltootaa Iraaniin deeggaramanii fi dhiha Yaman harka caalu to’atanii dha. Waraanni Ameerikaa bakka furguggifamu irratti xiyyeeffachuu isaa ibsuun, erga misaa’ela farra doonii ”kan gara Galoo Galaana Adenitti kaayyeffatee fi furguggisuuf qophaa’e” adda baasee booda.

Guyyoota darban keessa waraanni Iraan haleellaa misaa’elaa hedduu Siiriyaa, Iraaq fi Paakistaan irratti xiyyeeffate raawwateera.

Sanbatuma sana osoo haleellaan kun hin raawwatin dura Iraan Israa’el magaalaa guddoo Siiriyaa Damaasqoo keessatti haleellaa xiyyaaraa raawwattee miseensota olaanoo humnoota nageenyaa Iraan shan ajjeeste jechuun himachuu BBCn gabaaseera.

Exit mobile version