Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dirooniin abbummaan isaa hin beekamne buufata waraanaa Iraaq keessatti argamu sirna raadarii rukute

ONM-ABO Waxabajjii 24, 2025 

Dirooniin eenyummaan isaa hin beekamne Kibxata ganama Iraaq keessatti buufata waraanaa lama irratti sirna raadarii rukute jedhan maddeen nageenyaa.

Haleellaa kun kan dhufe Iraan bakka waraanaa Ameerikaa Kaataar keessatti misaa’ela erga furguggistee sa’aatii muraasa booda. Tarkaanfiin Iraan kunis dhaabbilee waraanaa Ameerikaa guddaa Baha Giddu Galeessaa irratti Ameerikaan dhaabbilee niwukilaraa Tehran irratti boombii darbachuu isheetiin haaloo ba’uuf kan taasifameedha.

Maddi nageenyaa tokko kan maqaan isaa akka hin dhaa’amne gaafate tokko haleellaan jalqabaa sirna raadarii buufata Taajii, kaaba Bagdaad rukute.

Sa’aatii muraasa booda maddi nageenyaa kun AFP’tti akka himetti “dirooniin tokko kan xiyyeeffate sirna raadaraa buufata xiyyaaraa Imaam Alii” kibba Iraaq keessatti ta’uu hime.

Dirooniin biraa ammoo buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Bagdaad irraa gara dhihaatti kiiloo meetira kudhan fagaattee kan argamu, bakka loltoonni Ameerikaa qaama tumsa farra shororkeessummaa geggeesaa turanii buqqa’an irratti.

Haleellaan kun miidhaa qabeenyaa kan geessise yoo ta’u, miidhaan qaamaa irra ga’uun isaa hin gabaafamne, Letenaant jechuun Jeneraal Walid al-Tamimii dhaabbata oduu Iraaqitti himaniiru.

Buufatni Taajii waggoota hedduu dura loltoota Ameerikaa kan keessummeesse yoo ta’u, yeroo baay’ee haleellaan rookkeettii irratti kan xiyyeeffate ture.

Yeroo gabaasni kun qindaa’etti haleellaa kanaaf itti gaafatamummaa kan fudhate hin jiru jechuun AFP’n gabaaseera.

Exit mobile version