Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee keessatti mana nama dhuunfaa tokko hidhattootni murna bilxiginnaa mi’a mana keessaa waliin gubanii barbadeessan

ONM-ABO Amajjii 23, 2024

Murni mootummaa ofiin jedhu gara shiftummaatti deebi’uun Waraanni Bilisummaa Oromoo tarkaanfii yoo irratti fudhate akka waan hawaasni nagaan loleetti fudhachuun ajjeechaa, hidhaa, buqqaatii hanga qabeenya gubanii barbadeessuu uummata irratti raawwachaa jiru.

Guyyaa dheengaddaa jechuun Amajjii 21, 2024 lixa Shaggar aanaa Baakkoo Tibbee ganda Sijjoo jedhamu keessatti sababuma karaa Waraana Bilisummaa Oromoon tarkaanfii jabaan loltoota Bilxiginnaa irra ga’eef jecha aarii namoota nagaa irratti ba’uun mana Obbo Xilahuun Soorumaa Gurmeessaa jedhamu mi’a mana keessaa dabalatee gubanii barbadeessuu maddeen onichaa himan.

Manni Obboo Xilahuun bakka lolli kun irratti adeemsifame bira waan ta’e qofaaf akka irratti gubanii barbadeessanis himuun, namni kun qonnaan bulaa yoo ta’u siyaasa kan hin beeknee fi hojii isaa qofaa irratti bobba’uun kan jiraatu, akkasuma abbaa maatii ta’uus dabaluun addeessaniiru.

Exit mobile version