Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Shaggar aanaa Boosat keessatti murni maafi’aa PP ajjeechaa, madeessuu, saamichaa fi gubaatii raawwatan

ONM-ABO Amajjii 24, 2024

Duguuggaan sanyii ilmaan Oromoo irratti raawwatamaa jiru jabaatee itti fufuun, Baha Shaggar aanaa Boosat ganda Siifaa Battee iddoo addaa Kokorii jedhamutti gaafa Amajjii 18, 2024 dargaggoo maqaan isaa Xahaa Tololee jedhamu kan umuriin isaa 17 ta’u osoo inni lafa saawwaatii aannan Gaalaa elmee galaa jiruu waraanni Shiftaan Abiy Ahimed karaatti ajjeesuu maddeen himan.

Akka Jiraattotni jedhanitti yeroo murtaa’eef hidhattootni kunneen qabanii of bira tursuun rifeensa maalif guddifatte jedhanii gaaffii hedduu erga irratti dhiheessaniin booda akka ajjeesan himuun, akkasuma maatiin dargaggoo kana duwwaa waan qabaniif hedduu gadduu illee dabaluun ibsan.

Aanichuma keessatti guyyuma wal fakkaataatti ganda Ardannaa Sarraa jedhamutti nama nagaa maqaan isaanii Damee Bokkaan jedhamu abbaa maatii afurii fi dargaggoo Battee Tufaa jedhamu maqaa WBO nyaata nyaachistan jedhuun qe’ee isaanii ijuma maatii isaanii duratti ajjeesuus dubbatan.

Akkasuma ganda Nuraa Hassee jedhamutti gaafuma Amajjii 18, 2024 kana nama maqaan isaa Tamaam Huseen jedhamu haadha manaa isaa fi daa’ima kan waggaa 2 waliin bakka tokkotti iddoo addaa Faarreessaa jedhamutti rukutamuun yeroo ammaa hospitaala magaalaa Adaamaatti yaalamaa akka jiranis dabaluun dubbatu.

Gandichuma keessatti namoota hedduu jalaa manneen isaanii guggubuun akkasuma horii isaanii saamuun gariin ammoo qe’ee isaanii irraa buqqisuu jiraattotni Arraatni Biyyoolessa Oromiyaa dubbise tokko tokko yaada isaanii ONMtti himaniiru.

Exit mobile version