Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessatti qabeenyi namootaa waraana shiftaa Abiy Ahimediin gubachuu fi saamamuun dhaga’aame

ONM-ABO Amajjii 26, 2024

Guyyaa kaleessaa jechuun Amajjii 25, 2024 baha Wallaggaa aanaa Haroo Limmuu keessatti qabeenyi qonnaan bultoota hedduu hidhattoota sirnichaan gubachuu fi saamamuu jiraattotni gandichaa himan.

Ganda Sankooraa keessatti mana kudhan fi midhaan callaa Boqqolloo kuntaala dhibba afur gubanii yoo barbadeessan qodaa mana keessaa fi madaala hangaa lama dabalatee daaressuu dubbatu.

Obbo Guddinaa Tashoomaa Boqqolloo kuntaala 250, Boloqqee kuntaala 50 akkasuma Puulii tokko waliin mi’a mana keessaa dabalatee jalaa gubanii barbaadeessaniiru.

Obbo Nagaraa, obbo Biqilaa, obbo Shallamaa fi warra maqaa hin argatiin qabeenyaa guutuu waliin mana isaanii jalaa gubuun yoo barbaadeessan,achuma ganda Kalaalaa araddaa Buttujjii jedhamu keessatti nama obbo Darajjee Dabaloo jedhamu jalaa WBO waliin hidhata qabda jechuun boqqolloo konkolaataa afur guutuu fe’atanii deemuus ibsan.

reebichi hamaanis bakka araddaa Dabaqqaa jedhamutti keesumaa dubartoota irratti yakka ulfaataa raawwataniiru jechuun, walumaa galatti uummanni aanichaa rakkoo hamaa keessummeessaa jiraachuu himan.

Exit mobile version