Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Manni murtii Keeniyaa poolisootni biyyattii gara Heeyitiitti akka hin bobbaane dhorke

ONM-ABO Amajjii 27, 2024

Abbaan murtii Keeniyaa biyya Kaaribiyaan keessatti nageenya deebisuuf humna biyyoota hedduu UNn deeggaramu hoogganuudhaaf poolisoota 1,000 gara Heeyitiitti akka hin bobbaafne dhorke.

Abbaan murtii mana murtii olaanaa Keeniyaa Chacha Miwita Jimaata kaleessaa murtii kennaniin, prezidaant Wiliyaam Ruutoo fi Manni Maree Nageenya Biyyaalessaa isaanii seera Keeniyaatiin poolisoota gara Heeyitii ykn biyya biroo kamiyyuu erguuf aangoo hin qaban jedhe.

Itti dabaluunis waliigaltee Ameerikaan maallaqaan gargaaramuun poolisoota kana bobbaasuu yeroo dheeraaf harkifate “heera mootummaa fi seera kan faallessuu dha jechuun, seeraan alaa fi seera qabeessa mitis” jedheera.

Ji’a Onkoloolessaa keessa, Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa humna biyyoota hedduu Heeyitii keessatti argamu deeggaruuf doolaara miiliyoona 100 waadaa kan gale yoo ta’u, erga Manni Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii jeequmsa gareewwan biyya odola kanaa keessatti uumamu dhaamsuuf sagalee kenneen booda. Keeniyaan tola ooltummaadhaan hoogganuuf kaabinee fi paarlaamaa ishee irraa hayyama barbaachisaa argattee turte.

Garuu namni siyaasaa Keeniyaa Ekuru Aukot gochi mootummaa Keeniyaa heera mootummaa kan faallessu jechuun dhimmichi mana murtiitti akka dhiyaatuuf hoogganeera. Murtiin mana murtii olaanaas yaada isaa waliin walii galeera.

“Keeniyaa fi Heeyitii gidduutti qophiin wal-faana ta’e hin jiru, poolisoonni gara Heeyitiitti bobbaasuun seera qabeessa ta’e jiraachuu hin danda’u,” jedhan abbaan murtii Miwita murtii isaanii Naayiroobii keessatti yeroo dubbisan.

Murtiin kun ergamni nagaa eegsisuu Keeniyaan biyya Kaaribiyaaniif qabdu kanaan dura jalqabbii walfakkaataa Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa deggaraa turteef duubatti deebi’uu danda’a. Mootummaan Keeniyaa murtii kana ol’iyyannoo dhiheessuu fi dhiisuu isaa adda hin baane.

Bakka bu’aan Mootummoota Gamtoomanii Keeniyaa Maartiin Kiimaanii Kamisa Mana Maree Nageenyaatti akka himanitti, biyyi isaanii ergama Heeyitiif qophii taasiftu keessatti “tarkaanfii seeraa, bulchiinsaa fudhachuu dabalatee … guddina guddaa agarsiifteetti” fi murtii har’aa ba’uu eegaa jirti. Kimani murtii kana irratti hanga ammaatti deebii hin kennine.

Ministirri haajaa alaa Heeyitii Jiin Victor Geneus uummatni Heeyitii gara jabummaa garee yakkamtootaa kana irraa boqochuu qaba jedhuun humni biyyoota hedduu saffisaan akka bobbaafamu gaafataniiru jechuun CNN gabaaseera.

Exit mobile version