Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Manni Murtii Ol’aanaa Keeniyaa ajjeechaa gaazexeessaa lammii Paakistaan irratti poolisii Keeniyaatiin raawwatame seeraan ala ta’uu murteesse

ONM-ABO Adoolessa 9, 2024

Manni murtii olaanaa Keeniyaa Wiixata kaleessaa ajjeechaan gaazexeessaa lammii Paakistaan Arshaad Shariif poolisii Keeniyaatiin bara 2022 raawwate seeraan alaa fi heera mootummaa kan faallessu ta’uu murteesse.

Shariif, namni ganna 46, Paakistaan keessatti gaazexeessaa beekamaa yoo ta’u, bara 2022 Naayiroobiin alatti daandii cufame irratti poolisii Keeniyaatiin rasaasaan rukutamee ajjeefame.

Duuti isaa aarii fi haala taatee kanaan walqabatee jiru irratti qorannoon walabaa akka gaggeeffamuuf gaaffii kaaseera.

”Arshaad Shariif poolisoota Keeniyaatiin seeraan ala rasaasaan ajjeefamuun mirga lubbuun jiraachuu Heera mootummaa keewwata 26 jalatti argamu sarba,” jedhan Mutukuun.

Abbaan murtii Mutuku mootummaan maatii Shariif beenyaa shilingii Keeniyaa miiliyoona 10 (Doolaara kuma 78) akka kaffalu ajajeera.

Maatiin Shariif du’aatiin isaa tarkaanfii poolisii irraa kan ka’e ta’uu fi taatee kanaaf itti gaafatamummaa mootummaatu fudhate jechuun beenyaa gaafataniiru.

Dubartiin abbaan manaa irraa du’e Shariif Jaaveriya Siddiquye Anadolu waliin haasawa taasisaniin murtii kanaan boqonnaa akka argatan ibsaniiru.

Exit mobile version