ONM-ABO Amajjii 29,2024
Baha Oromiyaa magaalaa Dirree Dhawaa keessattis kaleessaa 28/2024 labsii laggannaa gabaa fi uggura geejjibaa qeerroo bilisummaa Oromootiin labsame kana irratti hundaa’uun qeerroo bilisummaa Oromoo magaalaa dirree dhawaatiin sochiin geejjibaa magaalaa keessaa guutumatti ugguramee jiraachuun, waraanni weerartuun sirnichaa yeroo ammaa magaalaa keessatti reebicha ulfaataa uummata nagaa irratti raawwachaa jiraachuu odeessa qeerroo bilisummaa oromoo magaalaa Dirree Dhawaa irraa arganne ni addeessa.

