ONM-ABO Amajjii 29, 2024
Impaayera Itoophiyaa keessatti uummanni Oromoo bara dhufaa darbaa boqonnaa dhabuun sirnuma dhufee darbaan hireen isaa jumlaan guuramanii mana hidhaa ta’uun maatiin hedduunis gargaarsa abbaa dhabuun akkasuma barumsa dhaabuun haala yaaddoo keessatti argamaa jiru.
Qe’een ilmaan Oromoo hidhattoota sirnichaan gadda uffatee kan jiru yoo ta’u, lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Laloo Nooraa jedhamu keessaa guyyoota darban namoota maqaan isaanii Amaanu’eel Taliilaa, Yaaqob Taaddasaa fi Raamataa Alikanoo jedhaman badii tokko malee mana hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu jiraattonni himan.
Namoonni hidhaman kunneen namoota hojii qonnaa irratti bobba’uun jiraatan yoo ta’aan, maqaa Waraana Bilisummmaa Oromoo deggertu jedhu itti maxxansuun qabanii akka hidhanis dabaluun dubbatu.
Namoonni waajjira poolisii aanichaa keessatti hidhamanii dararamaa jiran hedduu ta’uu fi hidhamtoota kana keessatti warreen baatii dheeraa murtii seeraa malee gidirfamaa jiran danuu ta’uus ifoomsaniiru.

