Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Lixa Wallaggaa aanaa Begii keessatti namoota qabanii achi buutee dhabamsiisaa fi saamichi qabeenya hawaasaa irratti hammaate

ONM-ABO Amajjii 13, 2024

Qe’ee isaa irratti bara dhufaa darbaa gidiraa hamtuu keessummeessaa kan jiru uummanni Oromoo bara kanas waggoota koloneel Abiy Ahimed teessuma impaayerattii yaabee kaasee ala manni uummatichaa gaddaa fi gadadoon kan guutamee ta’ee jira.

Sirni teessuma aangoo isaaf jecha namoota nagaa hiyyummaatti hambisuuf guyyuu gochoota jibbisiisoo dalagaa jiru kun lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Qobboo iddoo addaa Ingii jedhamuu guyyaa kaleessaa Amajjii 11, 2024 qabeenya namoota hedduu saamuun namootas jumlaan guuranii mana hidhaatti galchanii dararaa jiraachuu jiraattonni dubbatu

Qabeenyaa namoota dhuunfaa saddeetii olii kan saamame yoo ta’u Jamaal, Abduraman, Shibbiruu fi Abdurkariim warreen jedhaman ammoo qabanii bakki isaan geessan hin beekamin jiraachuu jiraattonni gandichaa himan.

Exit mobile version