Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Barattootni Oromoo Yuuniversiitii Finfinnee waraqaa dhaadannoo mooraa isaanii keessa facaasuun diddaa uummataatti yoo hirmaatan, Yuuniversiitii Wallaggaa keessatti ammoo adeemsi baruuf barsiisuu guutummaatti addaan cite

ONM-ABO Amajjii 30, 2024

Sochii diddaa uummataa uggara geejjibaa fi daldalaa akkasumas hojimaata waajjira mootummaa fi adeemsa baruuf barsiisuu addaan kutuu irratti xiyyeeffachuun guutuu Oromiyaa keessatti sagalee tokkicha jalatti bifa walfakkaataan gaggeeffamaa jiru irraa qooda fudhachuuf barattootni Oromoo mooraa Yuuniversiitiilee garaa garaa keessatti hirmaannaa taasisaa jiru.

Haaluma kanaanis, Qaxaleewwan barattoota Oromoo Yuuniversiitii Finfinnee ajjeechaa fi hidhaa dabalatee yakkoota waraanaa uummata Oromoo irratti murna PPn gaggeeffamaa jiru balaaleffachuun aantummaa saba isaaniif qaban mullisuuf jecha Kaleessa galgala jechuunis Amajjii 29, 2024 waraqaa dhaadannoo jajjabaatiin dabaalaman mooraa Yuuniversiitichaa keessatti facaasanii buluu ibsan.

Waraqaan mooricha keessatti facaafamee bule kun mata duree “Diddaa uummataa” jedhuun kan qophaa’e yoo ta’u, dhaadannoolee gochoota gara jabeenyaa waraanni PP uummata nagaa irratti gaggeessaa jiru, haleellaa meeshaa gurguddaa fi dirooniin raawwatamaa jiran akkasumas duula dargaggoota Oromoo adda waraanaatti guuruuf taasifamaa jiru dabalatee gochootaa fi adeemsa bulchiinsaa sirnichi impaayerattii keessatti lafa qabsiisaa jiru guutummaatti kan balaaleffatu yoo ta’u, sochii warraaqsa uummataa gaggeeffamaa jiru waliin jiraachuu mullisuuf kan qopheessan ta’uus barattootni moorichaa ONMtti himan.

Oduuma walfakkaatuun ammoo warraaksa diddaa uummataa jalaa owwaachuun barattootni Yuuniversiitii Wallaggaa guyyaa kaleessaa Amajjii 29, 2024 irraa eegaluun adeemsa baruuf barsiisuu guutummaatti addaan kutanii kan jiran yoo ta’u, rakkoo fi dhiibbaa sirni bilxiginnaa uummata Oromoo irratti raawwataa jiru balaaleffachuuf tarkaanfii barbaachisu fudhachuun dirqama isaanii ba’aachuuf qophii ta’uu dubbachuun, haga guyyaan waliigalaa labsiin Qeerroo bilisummaa Oromoo dabarse kaafamuuttis daree barnootatti akka hin deebine himaniiru.

Exit mobile version