Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Diddaa Uummataa – Yuuniversiitii Wallaggaa

ONM-ABO Amajjii 31, 2024

Labsii Lagannaa Gabaa fi Uggura Geejjibaa marsaa 2ffaa ba’e bu’uura godhachuun barattootni Yuuniversiitii Wallaggaa erga dheengaddaa Amajjii 29 qabuun barnoota guyyaa 3ffaaf dhaabanii jiru.

Sababa adeemsi baruu fi barsiisuu #Diddaa Uummatatti makamuu barattootaan addaan citee mooricha keessatti poolisootni federaalaa dhiibbaa adda addaa gochaa jiru.

Pirezidaantiin mooraa Yuuniversitii Wallaggaa poolisota federaalaa mooraa isaanii qophaa’e lama keessa qubachiisuun barattoota itti doorsisaa jira.

Haa ta’u malee barattootni mooricha keessatti waraqaa diddaa facaasaa fi barnoota lagachuun uummata Oromoo duguugamaa jiruuf sagalee ta’aa akka jiran Qeerroo Bilisummaa Oromoo moorichaa irraa odeessi ni qaqqabe ni addeessa.

Barattootni Oromoo lafee dugdaa qabsoo bilisummaa Oromoo ti❗️

Exit mobile version