ONM-ABO Amajjii 31, 2024
CCTV akka agarsiisetti miseensonni kutaa dhoksaa ogeeyyii fayyaa fakkaatanii fi namoota nagaa biroo qawwee ol kaasanii hospitaala keessa deeman mul’iseera.
Waraanni Israa’el namoonni kunneen hospitaala Jeniin keessa dhokatanii akka turan, tokko ammoo haleellaa raawwachuuf akka ture ibseera.
Ministeerri fayyaa Abbaa Taayitaa Falasxiin Israa’el ”hospitaalota keessatti ajjeechaa haaraa” raawwatte jechuun himate.
Gareen Islaamummaa Falasxiin Gaazaa keessa ture Hamaas Israa’el irratti haleellaa kanaan dura hin mul’anne Onkoloolessa 7 irratti raawwatee akka jedhetti, humnoonni Israa’el miseensota Hamaas tokko dabalatee “loltoota sadii ajjeesaniiru” jedheera.
Gareen hidhate kan biraa, Jihaadii Islaamaa Falasxiin jedhamu, namoota ajjeefaman keessaa lama miseensota isaa ta’uu fi obbolaa ta’uu ibseera. Itti dabaluunis isaan keessaa tokko hospitaalatti yaala argachaa akka ture ibseera.
Viidiyoon kaameeraa nageenyaa hospitaala Ibni Siinaa irraa argame akka agarsiisutti miseensonni waraana Israa’el hospitaalicha keessa ariitiin sakatta’aa turuu agarsiiseera.
Erga haleellaa Onkoloolessa 7 raawwatameen booda West Baankii keessatti waldhabdeen ol ka’aa kan dhufe yoo ta’u, Israa’el guyyaa guyyaan haleellaa xiyyaaraa, hidhaa fi walitti bu’iinsa Falasxiinota waliin taasifti. Jeeniin, bakka hidhattootaa cimtuu taate, ji’ootaaf haleellaa jabaan irratti xiyyeeffattee turte.
Ibsa Raayyaan Ittisa Israa’el (IDF) baaseen shakkamaan Hamaas ajjeefame ”haleellaa sakatta’iinsaa ajjeechaa Onkoloolessa 7 karoorfateera” jedheera.
Haleellaan kun duula waraanaa Israa’el Gaazaatti gootu kan kakaase yoo ta’u, kaayyoon isaa Hamas balleessuuf labsame. Ministeerri fayyaa Hamaas Gaazaa akka jedhetti haleellaa Israa’el kanaan lammiileen Falasxiin 26,600 ol – irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman ajjeefamaniiru.
Dhaabbanni oduu Falasxiin Weesti Baankii jiru Waafaa, Falasxiinonni sadan hospitaala keessa jiran ”ajjeefamaniiru” jedheera.
Miseensota garee PIJ ( Jihaadii Islaamaa Falasxiin ) ajjeefaman keessaa tokko Onkoloolessa 25 irraa eegalee hospitaala keessatti miidhaa irra ga’en yaala argachaa akka ture dabalee ibsuu BBCn gabaaseera.

