Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Waraanni Israa’el duula waraanaa guddaa West Bank keessatti bananiin lammiileen Faalasxiin ajjeefaman 

ONM-ABO Hagayya 28, 2024

Haleellaa adda addaa sadii humnoonni Israa’el Yeeninii fi Tuubas West Baankii dhuunfatame irratti raawwataniin yoo xiqqaate namoonni torba du’uu isaanii aanga’oonni fayyaa Falasxiin Roobii har’aa yoo ibsan, waraanni Israa’elis achitti duula jalqabuu isaa beeksiseera.

Dargaggoonni Falasxiin sadii haleellaa diroonii Israa’eel konkolaataa isaanii irratti raawwatteen ajjeefamuu dhaabbati oduu Wafa gabaaseera. Yoo xiqqaate namoonni lama mooraa baqattootaa Yeeniin keessatti, lama ammoo mooraa Faaraa Tuubas keessatti ajjeefamaniiru.

Suuraaleen miidiyaaleen Falasxiin qoodanis buldozeroonni Israa’el magaalota Tulkareem fi Tuubas keessatti daandii barbadeessuu agarsiisaniiru.

Loltoonni Israa’el dhibbaan lakkaa’aman mooraa baqattootaa Yeenin, Nur Shams, fi Faaraa West Bank dhuunfatame keessa jiran weeraruun isaanii YNet News Israa’el gabaaseera.

Miidiyaaleen Israa’el hojii kana waggoota 22 keessatti isa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Miidiyaaleen Falasxiin loltoota Israa’elii fi loltoota Falasxiin gidduutti walitti bu’iinsi cimaan akka uumame gabaasan.

Dhaabbanni Addeessa Diimaa Falasxiin Loltoonni Israa’el ambulaansonni akka hin seenne dhorkaa waan jiraniif hojjettoonni isaanii namoota madaa’an bira gahuu akka hin dandeenye Wafa’tti himuu gabaasni The National irraa argame ni addeessa.

Exit mobile version