ONM-ABO Amajjii 29, 2025
Waraanni Israa’el Kibxata kaleessaa hojii waraanaa isaa West Baankii gara kaabaa dhuunfatame keessatti babal’isuun, magaalaa Tulkarem irratti xiyyeeffate.
Namoonni ijaan argan akka himanitti humnoonni Israa’el Wiixata darbeTulkarem fi mooraa baqattoota ishee lamaan Nur Shams fi Tulkarem haleeluun gara mooraa waraanaatti jijjiiraniin maatiin kudhanootaan lakkaa’aman mana isaanii akka gadhiisan dirqisiiseera.
Mooraa Tulkaaremitti itti gaafatamaan koree tajaajilaa kan ta’an Faayisal Salamaa akka himanitti, waraanni Israa’el lammiilee Falasxiin akka gaachana namaatti fayyadamee bu’uuraalee misoomaa barbadeessaa jira.
Haleellaa dirooniin Israa’el guyyaa tokko dura Tulkarem keessatti raawwateen lammiileen Falasxiin lama du’uu fi sadii madaa’uu Ministeerri Fayyaa beeksise.
Tamsaasni ummataa Israa’el KAN akkasumas Israa’el hojii waraanaa ishee kaaba West Baankii keessatti babal’isuun naannolee Tulkarem keessa jiran hammachuu ishee mirkaneesse.
Jeeniin keessatti Israa’el torban tokko keessatti yoo xiqqaate lammiilee Falasxiin 16 ajjeestee 50 ammoo madeessiteetti jechuun BBC’n gabaaseera.

