ONM-ABO Hagayya 30, 2024
Waraanni Israa’el Kamisa ganama West Baankii dhuunfatame keessatti duula bal’aa raawwateen hidhattoota shan, ajajaa biyya keessaa beekamaa tokko dabalatee ajjeesui ibse.
Namoota ajjeefaman keessa Mohammed Jaaber, Abu Shujaa jedhamuun beekamu, ajajaa garee hidhattoota Islaam Jihaad mooraa baqattootaa Nur Shams qarqara magaalaa Tulkarem keessatti argama.
Waraanni Israa’el akka jedhetti hidhattoota biroo afur waliin Kamisa ganama humnoota Israa’el waliin dhukaasa banameen erga shanan isaanii masjiida keessa dhokatanii booda ajjeefamuu ibseera. Abu Shujaa baatii Waxabajjii keessa dhukaasa lubbuu namaa galaafate dabalatee haleellaa Israa’el irratti raawwatame hedduu waliin kan walqabatu yoo ta’u, kana caalaas karoorfachuu ibseera.
Waraanni kun akka jedhetti, duula Tulkarem keessatti raawwatameen hidhataan biraa to’annoo jala ooluu isaa, akkasumas miseensi Poolisii Daangaa waraana Israa’el madaa’uu ibseera.
Hamaas loltoonni isaa 10 bakka adda addaatti akka ajjeefaman kan ibse yoo ta’u, Ministeerri Fayyaa Falasxiin ammoo loltuu ta’uu fi lammii nagaa ta’uu isaa osoo hin dubbatin, lubbuun namoota 11 akka darbe gabaaseera.
Haleellaa Hamaas Onkoloolessa 7 booda waraana Gaazaa keessatti qabateen as jeequmsi West Baankii keessatti baay’achaa dhufuu Time gabaaseera.

