ONM-ABO Amajjii 25, 2025
Waraanni Israa’el Jimaata kaleessaa magaalaa Jenin fi mooraa baqattootaa itti aanu keessatti haleellaa isaa cimsee kan ture yoo ta’u, haleellaan Falasxiinota kaaba West Baankii dhuunfatame irratti raawwatame guyyaa 4’ffaa isaati.
Namoonni ijaan argan akka gabaasanitti humnoonni Israa’el humna dabalataa gara mooraa sanaatti erguun, walitti bu’iinsaa fi dhohinsi naannoo sana hunda keessatti dhaga’amuun jeequmsa kana hammeesseera.
Namoonni ijaan argan guyyoota sadan darban keessatti manneen Falasxiinotaa barbadaa’uu fi caasaa maashinoota dabalataa diiguu itti fufuu isaanii ibsaniiru.
Waraanni Israa’el lammiilee Falasxiin kudhanootaan lakkaa’aman to’annaa jala oolchuun gara wiirtuuwwan qorannoo dhiyoo jiranitti dabarsuu isaa maddeen biyya keessaa ni mul’isu.
Haleellaan waraana Israa’el amma guyyaa 4’ffaa irra ga’e kun yoo xiqqaate lubbuu namoota 12 galaafatee 40 ol ammoo madaa’uu maddeen Falasxiin ni mul’isa.
Waraana Israa’el Gaazaa irratti geggeeffamaa jiruun walqabatee, West Baankii dhuunfatamte keessatti waldhabdeen ol’aanaa kan ture yoo ta’u, Onkoloolessa 7, 2023 irraa eegalee namoonni gara 47,300 ta’an kan ajjeefaman yoo ta’u, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman yoo ta’u, namoonni 111,500 ol ammoo madaa’aniiru.
Naannoo dhuunfatame kana keessatti yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin 873 humnoota Israa’eliin ajjeefamanii 6,700 ol madaa’uu Ministeerri Fayyaa Falasxiin beeksiseera jechuun Anaadooluun.

