ONM-ABO Caamsaa 29, 2024
Israa’el mooraa da’annoo baqattotaa naannoo Lixa Raafaa keessatti argamu irratti haleellaa raawwatteen Kibxata kaleessaa yoo xiqqaate namoonni 21 du’uu qondaaltonni fayyaa Gaazaa himan.
Haleellaan xiyyaaraa Israa’el mooraa biraa irratti raawwatte balaaleffannaa addunyaa erga kakaasee guyyoota lama booda, tajaajilli balaa tasaa Gaazaa akka jedhetti, dhukaasni taankii afur tuuta da’annoo baqattotaa Al-Mawasi keessatti argamu irratti raawwatamuu himee jira.
Namoota du’an keessaa yoo xiqqaate 12 dubartoota ta’uu qondaaltonni yaalaa naannoo Falasxiin Hamaas bulchu himaniiru.
Dubbi himaan waraana Israa’el Hanga yeroo kanaatti taatee kana quba hin qabnu jechuun waakkataniiru.
Waraanni Israa’el akka jedhetti humnoonni isaa naannoo Raafaa keessatti sochii itti fufaniiru jechuun tarkaanfii gara giddugala magaalattiitti taasifamu gabaafame irratti immoo yaada otoo hin kennin hafaniiru.
Kibxata kaleessaa namoonni ijaan argan lolli qawwee loltoota Israa’elii fi loltoota Hamaasiin durfamu gidduutti naannoo Zurub keessatti akka raawwatame dubbatan.
Namoonni giddugala Raafaa keessatti argaman akka jedhanitti, waraanni Israa’el konkolaattota hidhannoo fageenya irraa hojjetan kan fide fakkaata jedhan jechuun Arab news gabaaseera.

