ONM-ABO Fulbaana 27, 2024
Haleellaa qilleensaa Israa’el Kamisa kaleessaa naannoo waraanaan miidhamte Gaazaa guutuutti haleellaa walduraa duubaan raawwateen yoo xiqqaate lammiileen Falasxiin torba ajjeefamuu isaanii Tajaajilli Ittisa Siivilii beeksiseera.
Ejensichi akka jedhetti, kibba Gaazaa keessatti mana baha Kaan Younis jedhamu irratti haleellaa raawwatameen, daa’imman lama dabalatee namoonni shan lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta’u, namoonni hedduun madaa’aniiru.
Haleellaa dirooniin mana magaaladhuma kana irraa gara dhihaatti argamu irratti xiyyeeffateen namni tokko, kaaba Gaazaa Jabaliyaattis namni tokko ajjeefamuu isaa dabalee ibseera.
Mooraa baqattootaa Nuseyirat fi Bureyij giddugala Gaazaa keessatti dhukaasa meeshaa waraanaa fi haleellaa dirooniitiin namoonni hedduun madaa’uu isaanii ogeeyyiin fayyaa himan.
Murteen Mana Maree Nageenyaa Mootummoota Gamtoomanii dhukaasni hatattamaan akka dhaabbatu gaafatus, Israa’el bara darbe Onkoloolessa 7 haleellaa daangaa qaxxaamuraa gareen Falasxiin Hamaas raawwateen booda haleellaa gara jabinaa Gaazaa irratti raawwattu itti fufteetti.
Namoonni gara 41,500 ta’an, irra caalaan isaanii dubartootaa fi daa’imman yoo ajjeefaman, 96,000 ol ammoo madaa’aniiru jedha qondaaltonni fayyaa naannoo.
Weerarri Israa’el hanqina nyaataa, bishaan qulqulluu fi qoricha hamaa ta’e uumuun ummatni naannoo sanaa hunda jechuun ni danda’ama akka buqqa’an taasisee jira.
Israa’el gocha Gaazaa keessatti raawwatteef Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti himannaan duguuggaa sanyii ishee mudatus lola adda waraanaa kan biraa Hizboollaa Libaanos maadheffatee jiru, kan Iraaniin deggeramu loluuf qophii xumurtee jiraachuu ishee Arab news fi miidiyaaleen biroon gabaasaa jiru.

