Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa Israa’el Gaazaa irratti raawwateen yoo xiqqaate namoonni 25 ajjeefaman, kurnanootaan madaa’an

ONM-ABO Fulbaana 16, 2025 

Haleellaa Israa’el Wiixata dheengadda guutuu Gaazaatti raawwateen daa’imman dabalatee yoo xiqqaate namoonni 25 ajjeefamanii kurnanootaan madaa’uu isaanii ogeeyyiin fayyaa himan.

Maddeen yaalaa Anadolutti akka himanitti, haleellaa xiyyaaraan Israa’el kaaba Gaazaa, magaalaa Gaazaa, daandii Al-Jalaa, mana lamaa irratti raawwatteen, namoonni 10, isaan keessaa daa’imman, ajjeefamaniiru.

Waraanni Israa’el magaalaa Gaazaa dhiha naannoo Al-Rimal jedhamutti dunkaana namoota nagaa buqqa’an gaaddisa godhate rukutee daa’imman sadii dabalatee lubbuun namoota jaha galaafate.

Humnoonni waraanaa magaaladhuma naannoo Al-Karaamaatti walitti qabama namoota nagaa irratti dhukaasa banuun namoonni shan dabalataan ajjeefamaniiru, namoonni hedduun ammoo madaa’aniiru.

Giddugaleessa Gaazaatti lammiin Falasxiin tokko magaalaa Al-Mugraqaa keessatti dhukaasa Israa’eliin lubbuu isaa dhabe.

Hiriyoota gaa’elaa tokko dabalatee namoonni sadii dhukaasa waraana Israa’el naannoo Al-Mawasi, Kaan Yuunis, kibba Gaazaa keessatti du’aniiru.

Waraana Israa’el Gaazaa irratti geggeessaa jirtu Onkoloolessa bara 2023 irraa eegalee lammiilee Falasxiinota  65,000tti dhiyaatan kan ajjeese yoo ta’u, naannoo beela mudate kana barbadeessee jira.

Israa’el waraana naannoo sana keessatti geggeessite kanaan walqabatee Mana Murtii Haqaa Idil-addunyaatti himanni duguuggaa sanyii mudateenii jira jechuun Anaadooluun gabaaseera.

Exit mobile version