Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Haleellaa Israa’el kibba Gaazaa keessatti ‘bakka nagaa qabu’ al-Mawaasii irratti raawwatteen namoonni 70 ol ajjeefaman

ONM-ABO Adoolesssa 14, 2024

Haleellaa waraanaa Israa’el kibba Gaazaa Kaan Yuunis irraa gara dhihaatti argamu Al-Mawasi irratti raawwatteen lammiileen Falasxiinota 70 ol ajjeefamuun kannen dhibbaan lakkaa’aman madaa’aniiru.

Ministeerri Fayyaa Gaazaa Sanbata kaleessaa akka jedhetti lakkoofsi namoota du’anii 71 akka ta’e ibsuun, namoonni 289 madaa’uu isaanii kan ifoomsee yoo ta’u , kaan ammoo haala hamaadhaan kan madaa’an ta’uu himeera.

Haleellaan xiyyaaronni waraanaa Israa’el kun dunkaana Falasxiinota qe’ee isaanii irraa buqqa’anii jiraatanii fi kutaa bishaan qulqulleessu “naannoo nageenya qabu” jedhamee moggaafame irratti xiyyeeffatee haleellaa raawwachuu dubbi himaan ittisa siiviilii Gaazaa Al Jazeeraatti himeera.

Suuraaleen bakka sana irraa argaman akka agarsiisanitti, Falasxiinonni namoota caccabaa jalaa baraaruuf yaalaa turaniiru. Namoota madaa’an keessa daa’imman keessatti argamu.

Giddugaleessa Gaazaa Deeyir el-Balaa irraa Al Jazeeraa’f gabaasa kan kennan, Taareq Abu Azuum, kun “ajjeechaa haaraa waraannu Israa’el raawwate” jechuun naannoon sun “boombii shan fi misaa’ela shaniin” rukutame jedhan.

Waraanni Israa’el naannoolee tokko tokko magaalaa Gaazaa kutaa kaabaa naannoo marfamee diigame keessaa erga bahee booda yoo xiqqaate reeffi namoota 60 argamuu gareewwan ittisa siiviilii Jimaata darbe ibsaniiru. Erga waraanni kun jalqabee lammiileen Falasxiin 38,000 ol waraana Israa’eliin ajjeefamaniiru.

Exit mobile version