Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Humnoonni Israa’el Gaazaa keessatti namoota gargaarsa eegaa turan irratti haleellaa raawwataniin namoota 21 ajjeesan

ONM-ABO Bitootessa 16, 2024

Humnoonni Israa’el namoota kumaatamaan lakkaa’aman kanneen gargaarsa eeggatan Magaalaa Gaazaatti naannoo sa’a muraasa dura irratti xiyyeeffatame irratti deebisanii Kamisa darbe dhukaasa banuun yoo xiqqaate lammiilee Falasxiin 21 ajjeesan jedhan qondaaltonni Hamaas.

Ministeerri Fayyaa Gaazaa haleellaa Kamisa galgala raawwatame “ajjeechaa haaraa, dursee yaadame” jechuun ibsuun, namoonni 150 ol madaa’uu ifoomsaniiru.

Israa’el gargaarsi gara naannoo sanaatti akka hin seenne gufuu fi to’annoo cimaa gochuu itti fuftee kan jirtu yoo ta’u, haleellaa namoota nyaataa fi dhiyeessii barbaachisoo biroo baay’ee barbaadan irratti raawwatame keessaa isa dhumaa ture jedhan.

Haleellaa kanaan dura Kamisa darbe bakka nyaati raabsamu naannoo Kuweet Roundabout jedhamutti humnoonni Israa’el yoo xiqqaate lammiilee Falasxiin ja’a rasaasaan ajjeesaniiru. Gaazaatti lakkoofsi namoota haleellaa akkanaa keessatti du’anii 400 ol ta’eera.

Namotni ijaan argan akka jedhanitti waraanni Israa’el diroonii, taankii fi helekooptera fayyadamuun namoota kumootaan lakkaa’aman gargaarsa eeggachaa jiran irratti dhukaasan yeroo jedhan, Israa’el gama isheen gocha kana akka hin dalagne haaluun humnoota Falasxiin hidhatanii jiran gocha kanaaf komatte.

Kamisa darbe magaalaa Gaazaa keessatti “Flasxiinoonni hidhannoo qaban yeroo namoonni nagaa Gaazaa konkolaataa gargaarsaa dhufu eegaa jiranitti dhukaasa bananiin booda “tuutni lammiilee Gaazaa konkolaattota fe’umsaa saamuu yeroo jalqabanitti dhukaasa itti fufan” jechuun waraanni Jimaata ibsa kenneen addeesseera.

“Dabalataan, namoonni nagaa Gaazaa hedduun konkolaattota fe’umsaatiin rukutamaniiru,” jechuun humnoonni ishee haleellaa kana taankii, qawwee ykn haleellaa qilleensaatiin akka hin raawwanne ibseetti.

Waraanni “taatee kana gamaggamuu itti fufee jira” jechuun Aljazeeraan gabaase.

Oduu Gaazaan wal qabatu biroon ammoo Jiinuwaan ganama kana akka gabaasetti Ministeerri Muummee Israa’el Beeniyaamin Netaaniyaahuun Jimaata kaleessaa Gaazaa keessatti karoora loltootni isaanii duula lolaa geggeessan mirkaneessuun fedhii Hamaas booji’amtoota Israa’el gadhiisuuf hidhamtoota Falasxiinota Israa’el akka kennituuf dhiyeese kuffisaniiru.

Exit mobile version