Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Dhohiinsa gaazii guddaa magaalaa guddoo Keeniyaa Naayiroobii keessatti mudateen yoo xiqqaate lubbuun namoota sadii darbuu fi gara 300 madaa’uub ibsame

ONM-ABO Muddee 3, 2024

Konkolaataan fe’umsaa siliindaroota gaazii fe’ee ture Kamisa dheengaddaa naannoo sa’aatii 23:30 (20:30 GMT)tti aanaa Embakasi keessatti dhohee ”kuufama ibiddaa guddaa qabsiise” jedhan qondaalli tokko.

Manneen jireenyaa, manneen daldalaa fi konkolaattonni kan miidhaman yoo ta’u, viidiyoon ibiddi guddaan bilookii mana jireenyaatti dhihoo akka ka’e agarsiisa.
Naannoon kun marfamee kan jiru yoo ta’u, sababa dhohiinsa kanaa irratti qorannoon gaggeeffamaa jira.
Namoota du’an keessaa daa’imni tokko akka ture hogganaan poolisii Embakasi Wesley Kimeto ibsuun, lakkoofsi namoota du’anii dabaluu akka danda’u dabalaniiru.
Yoo xiqqaate daa’imman 25 dabalatee namoonni gara 271 gara hospitaalaatti geeffamuu isaanii aanga’oonni himaniiru.

Bulchaan kutaa Naayiroobii Sakaja Johnson akka jedhanitti namoonni kunneen hedduun isaanii yaalamanii gara manaatti ergamaniiru, garuu yoo xiqqaate 39 gara dhaabbilee birootti ergamaniiru – gariin isaanii miidhaan cimaan irra gaheera jedhan.

Mootummaan jalqaba dhohiinsi kun warshaa gaazii hojjettoonni siliindaroota gaazii irra deebi’anii guutaa turanitti akka mudate ibsuun, boodarra garuu aangaa’onni konkolaataa fe’umsaa tokko mooraa dhaabbii konkolaataa keessatti dho’uu isaa qulqulleessaniiru.

Akka dubbi himaan mootummaa Isaac Mwaura jedhanitti, kuufamni ibiddaa dhohiinsa kanarraa dhufe ”bal’inaan babal’ateera”. Siilindarri gaazii balali’uun mana kuusaa uffataa fi huccuu rukutee gube.

”Ibiddichi daldala xixiqqaa fi giddu galeessaa hedduu dabalatee konkolaattotaa fi qabeenya daldalaa hedduu daran miidheera,” jechuun ibsa kennaniin dubbataniiru.

Ibiddi kun to’atamee namoonni achi buuteen isaanii dhabamuu ykn salphaatti bakka biraatti gaaddisa fudhachuu isaanii adda baasuuf hojiin sakatta’iinsaa fi baraarsaa jalqabameera.

“Hanga ammaatti reeffa mana adda addaa keessatti gubate jiraachuu fi dhiisuu isaa sakatta’iinsi itti fufee jira,” jedhan miseensi paarlaamaa Embakasi East Babu Owino.
Abbaan Taayitaa To’annoo Inarjii fi Boba’aa (Epra) ibsa baaseen warshaan gaazii kun seeraan ala ta’uu ibsuun, bakka sanatti bakka kuusaa fi guutinsa bishaanii ijaaruuf hayyama ijaarsaa sadiif iyyannoowwan dhiyaatan kuffisuu isaa ibseera.

Dhaabbatichi ammallee akkamitti hojjechuu akka danda’e ifa miti.

Mr Mwaura bakka sana kan daawwatan yoo ta’u, abbootiin qabeenyaa dhaabbata dhimmicha keessa jiru ”midhamtootaaf beenyaa kaffaluun” dho’iinsa kanaaf ”ittigaafatamummaa guutuu” fudhachuu qabu jedhan.

Itti dabaluunis, ”Bu’aa argachuuf lubbuu lammiilee Keeniyaa balaaf saaxiluun naamusa hin qabnedha,” jedhan.

Konkolaattonni fe’umsaa gara 10 ta’an mooraa dhohinsi kun itti mudate keessatti guutummaatti gubaniiru.
Dubbi himaan mootummaa Isaac Mwaura akka jedhanitti, wiirtuun ajaja hojii baraarsaa qindeessuuf gargaaru hundeeffamee namoota miidhamaniif gargaarsi namoomaa kennamaa jira.

Akkasumas mootummaan namoota dhohinsa kanaan manni isaanii diigameef kiraa ji’a lamaa kennuuf karoorfachuu isaa ibsuu isaanii BBC gabaaseera.

Exit mobile version