ONM-ABO Guraandhala 6, 2024
Uummata Oromoo bal’aa irratti gochoota cigaasiisoo sarbaminsa mirgoota namoomaa raawwachaa kan jiru yoo ta’u keessattuu lafoota WBOn irra socho’an jedhaman maratti ajjeechaa jumlaa dabalatee manneen qonnaan bultootaa gubuun qe’ee uummatatti gadda ulfaataa uumaa jiru.
Guyyaa kaleessaa jechuun Guraandhala 5, 2024 lixa Wallaggaa aanaa Begii ganda Xiilloo jedhamu keessatti hidhattootni murna bilxiginnaa gandichatti bobbaafaman namoota afur rasaasa itti roobsun qe’ee isaaniitti maqaa WBO nyaachistan jedhuu yoo ajjeesan mana nama dhuunfaa tokkos mi’a mana keessaa waliin jalaa gubanii barbaadeessaniiru.
Namoonni nagaan hidhattoota sirnichaan guyyaa kaleessaa ajjeefaman kunneen maqaan isaanii Tamaam, Shee Abduramaan,Cundee fi nam tokko amma gabaasni kun qindaa’etti maqaan isaa kan nun geenye yoo ta’u, qonnaan bulaa obbo Hayilee Dhaabaa jalaa ammoo mana tokko mi’a mana keessaa dabalatee tokko osoo hin baafatiin jalaa gubanii barbaadeessuu maddeen bakkichaa ONMtti himaniiru.
Akkasuma aanichuma ganda Gabaa Kamisaa keessaa meeshaa gurguddaa akka Moortera hawaasa nagaatti darbataniin ganda Haroo Kobareetti mana obbo Naasir Musxafaa irra buusun haadha manaa isaa Lammattuu Mokonnin kan jedhamtu kan madeesse yoo ta’u, daa’ima isaa Musudii Musxafaa kan jedhamtu ajjeesuu jiraattotni bakkichaa himan.
Namoonni ajjeefaman kunneen qonnaan bultoota yoo ta’an hojii qonnaa hojjechuun kanneen ofii fi maatii isaanii jiraachisan ta’uu maddeen, himuun gochaan namoota nagaa irratti raawwatame kunis kan jalqabaa ta’uu baatus uummata ollaa isaaniitti muffii guddaa kaasee jiraachuus dabaluun ibsan.
Aanicha keessatti erga waggoota shanan darbanii kaasee dhiigni namoota qulqulluu sababa Waraana Bilisummaa Oromoo godhateen waraana murna PPn dhangala’aa turuu fi uummanni lakkoofsan hedduu ta’an akka achirraa buqqa’anii bakkoota birootti godaananii rakkoo ulfaataa keessatti kufanii jiraachuus dabaluun ibsan.

