Site icon Qeerroo Bilisummaa Oromoo

Niwuu Ziilaand finciltoonni Paapuwaa balaliisaa waggaa tokko dura butan akka gadhiisan gaafatte

ONM-ABO Guraandhala 7, 2024

Niwuu Ziilaand balaliisaa xiyyaaraa Phillip Mehrtens kan waggaa tokko dura bulchiinsa Indooneezhiyaa bulchiinsa Paapuwaa rakkoo keessa jirtu keessatti loltootaan booji’ame hatattamaan akka gadhiifamu gaafatteetti.

Xiyyaara Indooneezhiyaa Susi Air jedhamuuf xiyyaara piroopelaara tokko balaliisaa kan ture Mehrtens, bara darbe Guraandhala 7 garee loltoota waraana bilisummaa biyyoolessaa Paapuwa Dhihaa (TPN-PB) tiin kan butame yoo ta’u, gareen kun Paapuwaan walabummaa ishee yoo argatte qofa akka gadhiisan dubbatan.

Gareen ajajaa naannoo Eliyaas Kogoyaan durfamu kun boodarra suuraa fi viidiyoo Mehrtens finciltoota qawwee hidhataniin marfame, kaan ammoo xiyyaa qabatanii – naannoo bosona fagootti agarsiisan gadhiiseera.

Ministirri Dhimma Alaa Niiw Ziilaand Wiinston Piiters akka jedhanitti, lammiin Niiw Ziilaand kun yeroo butame sanatti “walqunnamtii qilleensaa fi dhiyeessii barbaachisaa hawaasa fagoo jiraniif” kennaa ture.

”Warri Filip qabatanii jiran hatattamaan miidhaa tokko malee akka gadhiisan cimsinee gaafanna. Hidhamuu isaa itti fufuun faayidaa eenyuuf hin qabu,” jechuun Piiters ibsa erga balaliisaan kun butamee waggaa tokko kabajuuf kennaniin dubbataniiru.

Taatee naannoo olka’aa fagoo Nduga, naannoo jeequmsa guddaa bulchiinsa kanaa keessaa tokko ta’e keessatti mudate, waldhabdee addunyaa irratti baay’ee kan hin beekamnee fi yeroo dheeraaf ture kanatti xiyyeeffannoo haaromseera.

Paapuwaan, uummanni ishee saba Melaneeziyaa yoo ta’an, walakkaa dhiha odola Niiw Giinii – kaaba Awustiraaliyaa irraa 200km qofa (124 miles) fagaattee kan argamtu yoo ta’u, daangaa lafaa Paapuwa Niwu Giinii (PNG) waliin qooddatti.

Indooneezhiyaan bara 1969 rifarandamii falmisiisaa ta’een kolonii Nezerlaand duraanii qabeenyaan badhaate erga to’attee as lolli walabummaa sadarkaa gadi aanaa taasifamaa ture.

Piiters akka jedhanitti Niwuu Ziilaand aangawoota Indooneezhiyaa fi namoota biroo waliin ta’uun Phillip akka gadhiifamu gochuuf hojjechaa turte.

Paapuwaatti bara 2018 finciltoonni dhiirota Indooneezhiyaa 24 kanneen daandii haaraa guddaa qarqara galaanaa fi lafa olka’aa walqunnamsiisu ijaaraa turan ajjeesanii as hokkorri dabalaa dhufeera.

Ogeeyyiin mirga namoomaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii haalli hammaataa dhufuun yaaddoo qaban ibsaniiru jechuun Aljazeeraan gabaaseera.

Exit mobile version